Gabaasa Onkoloolessa 30,2013 Finfinnee
Onkoloolessa 25 irraa kaasee godina addaa naannoo Finfinnee magaalaa Sulultaa irratti mootummaan wayyaanee guyyaa 5niif wal gayii miseensota isaa kanneen tahan hundaaf teesisee jira. Akka madda gabaasaa kanaatti kaayyoo wal gayii isaanii :
1. Ilmaan Oromoo sabboonummaa qabanii kan miseensa isaanii tahanii jiran irratti qorannoo irratti gaggeessaa fi gaggama hojii isaanii keessa seenuudhaan wal irratti kaasuudhaan isintu iccitii mootummaa dhaaba mormitootaaf kennaa jira,keessumaa ammo dhaaba Adda Bilisummaa Oromoof(ABO) haala mootummaa keenyaa gabaasaa kan godhu numa keessaa isini jettee miseensa isaanii keessaa kanneen sabboonummaa qaban irratti yakka kana banuudhaan hojii irraa ari’uuf murtoo irra akka jirantu gabaasaa Qeerroo aanaa kanaa irraa addeessa.