geeFDG@
Gabaasaa: Ebla 27/2012 FDG Gootota dargaggoota Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaa jabaatee itti fufuun guyyaa har’aa Ebla 27,2014 falmaa jabaa keessa oolan.Goototni barattootni Oromoo gaaffii keenyaaf deebiin nuu kennamuu qaba jechuun guyyaa lammaffaa ganama irraa eegaluun dhaadannoo dhageesisa turanii jiru.

Mootummaan abbaa irree akkuma amala isaa gaaffii barattoota karaa nagaa fi demookiraasii dhiyaateef deebii humna waraanaa fi loltuu of harkaa qabuu fi qawweetti dhimma bahuun barattoota Oromoo dararuu irratti argama. barattootni hedduunis humna waraanaa kanaan qabamanii hidhamaa jiraachuu maddeen keenya gabaasaniru, barattootni Oromoo hedduun humna polisii federaalaatiin rebbichaa cima irra ga’ee yeroo amma hospitala Naqamatee galanii jiraachuun ibsamera. barattoota humnota federaala wayyaaneen midhaan qaama isanii irra ga;ee kunis;
1. Barataa Dawuti Gonfaa
2.Barataa Abdiisaa Nagaasaa
3.Barattuu Geexee Tafarii,
4.Barataa Ababa Kumarraa
5.Barataa Tashoomee Daawuti
6. Barataa Dasitaa kanneen jedhaman kan keessatti argamaan humna poolisii Federaalaa Wayyaaneen reebamani midhaan qaama kan irra ga’ee ta’uun ibsamera.

Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaaggaa akkuma  gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, hidhaan, reebichii, doorsifnii, barnoota irraa arii’atamuun duubatti nu hin deebisu jechuun guyyaa har’aas FDG itti fufanii olaniiru.Maqaa barattoota hidhamanii guutuu fuula duratti dhiheessina.
Gama biraan waraanni Wayyaanee kan Agaazii jedhamee beekamu magaalaa Naqamtee qubachuun uumata goolaa jira. Addatti Yuuniversitii Wallaggaa keessa namoota barattoota basaasan dabballoota OPDO kanneen akka
1.Tafarii Xiyyaaroo bulchaa Godina Wallaggaa Bahaa
2. Tolasaa waggaarii Bulchiinsa magaalaa Neqemtee irraa
3. Eebbaa nama jedhamu itti aanaa President Yuunibarsiitii Wallaggaa kanneen jedhamanii qabachuun barattoota itti roorrisaa jiraachuun beekame.
Muktaar Kadir haala kana dhaamsuuf jecha naannoolee FDG ka’an mara irra naannawuun milishootaan qabatee uumataa fi barattoota akka sodaachisaa jirus odeessi jiru ni addeessa.