Thursday, September 26, 2013

Oduu gaddisiisaa



Oduu gaddisiisaa
Innaa Lillaahi WA’INNAA ileeyhi RAAJI’UUN

Guyyaa kaleessaa kiibxata Sheek Amaan Hasan kan jedhaman Addunyaa tana irraa du’aan gama aakiraatti godaanuun dhagahame .
Baalee Roobeetti ulamaa’a Gurguddaa irraa kan lakkaayamaniifi Jaami’a Roobee guddichaa fi umriidhaan kan ture namni gadi dhaabe isaan akka tahe himameera.
Madrasaa salafiyyaa Roobetti hundeessuunis sababa sheeka kanaa akka tahe dubbatama Umrii ofii Guutuu kan qisaasan magaalaa Baalee Roobee keessatti Ulamaa’ota beekkamoo,Du’aataa fi Barattoota ilmii wajji taa’uudhaan akka tures ni himamaaf Sirni awwaalaa Aalima kanaa yeroo Raawwataamu namoonni lakkoofsan Hedduu tahan akka argamaniifi waggootii dura namni hangana Hedduu yaa’ee akka hin beeknes ibsameera Sheeka keenya Rabbiin jannataan isaan haabadhaasu .
Mastiisaaniitiif obsa cimaa haa kennu Muslimtootaafis Aalima bakka haa buusu Aamiin AllAAHUMMA Aamiin!!

No comments:

Post a Comment