Tuesday, December 31, 2013

“OF ILAALLEE” GAAFFII OF GAAFACHUUN , ULAAGAA NAMUMMAATI !

Y.G(2005)kutaa 3ffaa                                                                          | Mudde 31, 2013
Kutaa 2ffaa barruu koo kanan xumure, Hawaasa Oromoo Biyya alaa/hambaa irratti yaada eegaleen ture. Isuma irraan itti fufa.
Hawaasi Oromoo Biyyoota hambaa keessa jiran sochiin isaanii dabalaa deeme moo, hanqachaa deeme ? jenne yoo kaafne, maqaa Biyyootaa fi Magaaloota adda addaa kaafne sochii turee fi jiru tarrisuu dandeenya. Hawaasi Oromoo Biyya hambaa  jireenyaan wal qabatee, dhimma Ummata isaanii waliin qindeeffatanii deemu irratti rakkoon akka jiru ni dubbatama. Irra jireessa garuu scohii itti fufiinsaa taasisaa turan irraa laafachuu argina. Sababaan ammo, waanuma ifa jiruudha. Akka walii galaattii garuu , amaloota siyaasa keessaa hubachuu dhabuu fi yeroo qabsoo keessatti rakkon yeroo dhalatu , sassaabbatanii manatti ol deebi’uu fi kkfn ni komatamu. Wanni akka walii galaatti hubachuu qaban, yoo xiqqaate yk yoo wal dhaggeeffetanii waliin dubbachuu toobbatan (waan aadaa Oromoo keessa hin jirreen) muuxannoo saboota biroo irraa fudhachuu isaan barbaachisa.

Dhaabbilee siyaasaa Oromoo keessatti rakkoon yoo umame, waan adda addaa nama mudachuun waan hin oolle. Garuu waan fedhe umame iyyuu, dhimma Ummata ofii dhiisanii manatti galanii taa’uun, tapha ijoollee ta’a. dhaaba keessaa dallansuu yk ariifannaa keessa waan murteeffatamuun ba’anis, dhimma Oromoo hojjachuuf miseensummaa qofaa gaafataa ? Oromoon tokko jennee dubbachaa humni fe’e ka’ee lakkii ani dhaaba biroon gaggeessuu barbaada yoo jedhe, ebaluun nama keenya jedhanii waliin didichuun maal fide ? har’a waan hundi dabree jira. Kaleessa waan yaannee dheessine har’a maaliin goolabame ? rakkoon Oromoo furameeraa ? siyaasa keessaa haa baanu, kan Biyyummaa itti ari’amne aadaa fi qooqa Oromoo yk kkf irratti hojjachuu maaltu nu dhawwa ? dhugumatti akka itti jirru fi baroota gabrummaan jiraanne jennee dubbannu gonkumaa wal hin gitu. Namuma kaleessa gabroomnee qabsoo gaggeessuu wallaallee fakkaanna malee, nama gabrummaan irratti saaree  muuxeffanne hin fakkaannu.
Sochiin Biyya alaa jabaachuu fi dhiisuun, suduudaan qabsoo Ummatichaa irraan miidhaa akka dhaqabsiisu hubachuun barbaachisaadha. qabsoon sabichaa Biyya alaa wayita unkuramu wayyaaneef gammachuudha. Gammachuu qofaa odoo hin taane, ummata abdii kutachiisuuf itti fayyadamti . kanas qalbeeffachuu nu barbaachisa. Kanaaf waan nutti fakkaate wayita raawwannu, Ummata keenya irratti misimaara gadi rukutaa akka jirru beekuun dansaadha. Sochii hawaasa Oromoo Biyya alaa laafatuu irratti mee fakkeenya gabaabaa tokko haa kaasu. Baqattoonni Biyyoota gara garaa Ameerikaa Miyaapoliis keessa jiraatan keessaa baqattoonni somaaliyaa 1ffaa yennaa ta’an , baqattoonni Oromoo ammo 2ffaadha. Hawaasi achi jiru kun sochiin taasisaa turan Biyyoota hundaa fakkeenya turan. Har’a garuu …….. baqattoota Oromoo kuma 18 oltu jira. Kun hundi maqaa siyaasaan ba’e jechuu dandeenya. Garuu……maaliif laafan ? beekamaadha. Sochiin Aadaa Addunyaan itti gortee ilaaltu illee har’a kan jiru hin fakkaatu . eenyun akka miidhaa jiran naaf hin galu. Eenyu irratti gatanii akka dhiisanis hin beeku. garuu  fakkeenya hedduu kaasuun ni danda’ama. Yaadaa fi adeemsi akkasii nu keessatti dagaagee odoo jiru, akkamiin qabsoon lafa irra harkifate jennee quba namatti qabna ?
Akka walii galaatti Hawaasi Oromoo kamuu dallaa miseensa dhaabbilee siyaasaa keessatti qofaa of herreegu hin qabu. Ilaalchuma Ummati 100/100 tti deeggaru illee yoo qabaanne, isaan alatti hundee Oromummaa qofaan waan waliin hojjannu waa danuutu jira yaa firaa . kanaaf qalbii keenya bal’ifannee kan walirraa dheessuu walitti deebi’ee bara 2014 tti , dhimma Ummata keenyaa Biyyaa dhumaa jiranii  irratti haa hojjannu.
BEEKTOOTA KEENYA ILAALCHISEE :-Beektoota keenya wayitan jedhu kan har’a Hayyoota keenya jedhamu san. Hiikkaan Hayyoota jedhamu kun akka Maanguddoota Gadaa keessa dabranitti , kan amma jedahmu kanaa miti. Hayyoota jechuun Sirna gadaa keessa dabruu qofaa miti, Ulaagaa 5 of keessaa qaba. kana yeroo biraan itti deeni’a. beektoonni Oromoo addatti biyyoota hambaa keessa jiran meeqa ? lakkoofsa qabuu laata ? garuu qabsoo keessa kan jiran tursinee kan dhimma Ummata isaaniif dubbachaa jiran, gorsa kennaa jiran, hegaree gama hundaa akeekaa kan jiran meeqa ? kana irratti yeroo fudhannee dubbachuun hin hafu. Bara 2013 garuu baayyina isaanii waliin wayita ilaallu, kan gonkumaa wal hin ginne , waltajjii addunyaa adda addaa irratti dubbachuu eegaluun isaanii dansaadha. fakkeenya kaasnee waan waliif dubbachuu feenu ibsuutu dansaadha natti fakkaata.
Beektoonni FILITSIXEEM Biyyoota adda addaa fi angoo sadarkaa addunyaa irratti qabanitti dhimma ba’uun Biyya isaaniif maal hojjachaa jiru ? dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi gamtaa awuroppaa keessa akkasumas, paarlaamaa biyyoota adda addaa keessa ta’aanii maal hojjachaa jiran ?ogummaa fi dandeettii addunyaa irratti ittin beekamaniin akkamitti dhimma ba’anii Ummata isaanii garu injifannootti oofaa jiran ? bakka jiranitti wal utubanii UNSCO keessatti dhiibbaa akkamii taasisanii akka Biyaatti fudhatama argatan ? Alabaa akka dhaabbatan taasisan ? dhaabbilee daldalaa fi bakkoota hojii gurguddaa kanneen jiran wal ijaaranii maallaqa argatan irraa akkamiin ijoollee Filitsixeema barsiisaa jiran ? kana irra hedduu tarrisuu dandeenya. Kana hundaa wayita raawwatan , Miseensa Araafaat ykn hamaaz taane malee jedhaniiru ? yoo waliti dallanan siyaasa keessa ba’nii , manatti galanii taa’aniiruu ? Faranjiin ofitti waamee, aadaa yk seenaa isaanii harkaa fuudhee deebisee, har’aa kaaftee Doktara taatetta. Aadaa fi seenaa Biyya keetiin Doktarummaa fudhattee jirataa , garuu asumaa hojjadhuu jiraadhu waan jedhamanif dhimma Ummata isaanii dhiisaniiru ?beektoonni IRAAN har’a ameerikaan odoo hin jaallannee waa hundaa hayyamuuf deemaa jirtu, eessatti barataniiti ? sadarkaa har’a irra ga’aniif bu’ura isaa eessatti fixatan ? miseensa paartii akkasii taane malee yk callisanii warruma siyaasa gaggeessuutti quba qabaa osoo jiraatanii bakka ha’a ga’an jiruu ? Mootummaan siiriyaa waan fedhe haa ta’uu waan irratti muramuuf ture beektoota eenyutu irraa qabe ? sochii ruusiyaa fi chaayinaa qofaadhaa ? beektoonni SIIRIYAA qaroo addunyaa irra jiran yaada maalii laatanii qalbii warra dhiha cabsan ? Dhiibbaa maalii taasisan ? Lammiilee fi beektoonni Filtsixeema, Iraan, Siiriyaa Biyyoota adda addaa keessatti lammummaa lammaffaan jiranii fi lammummaa guutuun jiran seenaa maalii hojjatan ? akkamiin Lammiileema Biyyoota warra dhihaa dabalatanii Biyya keenya hin tumtu jedhanii sagalee isaanii dhageesisan ? haala kanaan of ilaaluun ga’aadha. dhimma ummata ofii irratti iyyachuun gaabbii keessa ofii irraa nama baraara.
QEERROO ILAALCHISEE:-Qeerroon sochiin isaa ganna lama guuteera. Hojiin isaan hojjatan garuu dhala Oromoo maraa kan boonsuudha. Amma baayyina qeerroo fi sochii irraa eegamuun garuu akka hojii hedduun isaan eeggatu hubachuun gaariidha. Kana irra bilchina dabalatee sagantaa yeroo dheeraa fi gabaabaa jedhame, tokko isa tokkof karaa akka saaqutti mijeessanii tarkaanfachuun dansaadha. Hojiin isaanii gama hundaa kana irra jabaatee itti fufuun murteessaadha. Sochiin isaan itti jiran haala akkaan rakkisaa keessatti ta’uun ifadha. Haala akkasii keessatti wanni gaggeessaa jiran hedduu nama boonsa. Gama kanaan kan jiru yeroo biroo itti deebinee, ammaaf yaada dhuunfaa 2014 kennun barbaada.
Sochiin qeerroo kun deeggarsa Biyya keessaa fi alaa akka isa barbaachisu waan haqaati. Gama hundaan waan isaan barbaachisu dursanii beekanii deeggarsi laatamuufin dansaadah. Kana gochuuf ammo caasaa keessa jiraachuu fi dhiisu hin gaafatu. Dhalli Oromoo kamuu akka isaa gaggaafatee waan raawwachuu danda’uudha. Qeerroon wareegama kafalaa jiruf deeggarsa Ummata isaa biyya keessaas ni barbaada. Ijoolleen kun gaafa hidhamtu callisanii ilaaluun taajjabbiidha. Dhalli keenya mana hidhaatti wayita dhumtu, nuuti gammachuu dhuunfaaf sirbaa bulla taanaan namummaa keessa abaane jirra. Ykn ijoolleen keenya diinaan rukutamaa jiraachuu odoo ijaan arginu, wal ga’ii fi hojiilee adda addaaf sirnicha harka qabuun qaaniidha. Hirmiidha !!!!!!!!!
Qeerroon scohii taasisu, manneen barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa, akkasumas koleejootaa fi yunivarsiti keessatti qofaa daanga’uu hin qabu. Waajjiraalee fi dhaabbilee daldalaa keessas seenu qaba. hamileen koleejoota keessatti akka leencaa isaan taasisu yeroo hojitti bobba’an dhaabbachuu hin qabu. Qeerrooummaan sochii Oromummaati. Oromummaan ammo bakka maraa jira. Kanafaa sirreeffachuun dansaadha. Kana malees, diinni Oromiyaa keessa akka garaa isaa fandalalu kana iggiti itti gochuun, sochii isaaniif karaa qulqulleeffachuu ta’uu hubachuu qaban. Sochiin isaanii dhaloota itti aanutti akka ce’uuf obbolaa fi ijoollee ganda keessaa ammumaa quba qabsiisuun qabsoo sabichaaf hundee ta’aa qalbeeffadhaa.
MAANGUDDOOTA ILAALCHISEE:-Qoosa maanguddummaa Oromootti himuun qosaadha. Kun hunda keenyaafu kabajaadha. Qaroomina keenyas ibsa. Garuu yoo hojii irra hin ooliin , tureen qofaa hafna. Har’a rakkoo hedduu keessummeessinee keessa dabarree jirra. Rakkoo kana keessa dabruu keenya odoo hin taane kan nama raaju, rakkoon kun nutti deddebi’uuf kan danda’e, waan harkaa qabnutti dhimma ba’uu dadhabuu keenyadha. Maanguddummaan ykn Jaarsummaan akka aadaatti, umurii fi Angafummaa hidda dhaloota keenyaa ilaallata natti fakkaata. Kabajaan gama kanaan turtee fi amma hojii irra oolaa jirtu yeroo eebbaa kabajaa waliif laatamu qofaadha. Kun ammo hojii maanguddummaa keessaa isa xiqqaadha. Rakkoo nu keessatti umami kanaaf kan silaa maanguddoo ta’ee dubbii qajeelchu qabu, abbaa dhibee sana dursu ta’ee hojjachuu argineerra. Kan silaa bitaa fi mirga ilaalee lakkii dhiisaa kun diinaaf karaa saaqu ta’a jedhee komatee dubbii haqaa Ummatatti baasu qabu, ofii gama tokko goree warra haqaaf falman yennaa salphisanis taajjabneerra. Kun qaaniidha. Isa dhugaa salphina. Kun bara 2014 kaasee dabalamuu hin qabu. Dhimma Oromoo qofaa kaayyeeffatanii hojii jaarsummaa isa dhugaa gaggeessuun ni danda’ama. Rakkoon wayita dhalatu maanguddoonni gama tokko odoo hin gorree keessaa sassaabbatanii yoo taa’an illee dubbiin ni qabbanaa’a.  Maanduggoonni rakkoon tokko wayita dhalatu, hegaree Oromoo kan baasuu danda’u kanadha jedhanii raga waliin dhiheessanii isa jal’ate qajeelchuun ni danda’ama. Kana ija keenyaan argines dhageenyes hin beeknu. Maqaan ABO jedhu akka mi’a shaqataa hundumtu saammachuuf wayita yaalan beektoonni fi maanguddoonni callisuun sirri hin turre.keessattu warrii seenaa beekna jedhan seenaan yennaa jallatu callisuun irra hin turre. Har’as kanuma argaa jirra. Kun sirraa’uu qaba. gama kanaan waan hojjatamu qabu itti yaadamu qaba. Jaarsummaan eenyufuu barbaachisaadha. Jaarsa kan ta’u garuu bu’aa Oromoof kan hojjatu qofaa ta’uu qaba. Jaarsummaa warra jedhaman irratti ammo hunduu walii galuu qaba. silaa waan qulqulluun akkasii odoo jiraate, waan itti rakkannu kunoo qaggaa 10 hin fudhatu ture.
WARRA QABSOO KEESSAA OF MOGGEESSANIIF :-Qabsoo keessaa warra of-moggeessan akka lamattan kaa’a. inni tokko miseensa ABO kan turanii fi yaaduma gara garaan warra of moggeessanii dhimma dhuunfaatti jiran, inni 2ffaa ammo miseensa kan hin turree fi callisaniima amma umuriin isaan jiraachise jiraatanii warra dabruu barbaadan amma tokko ammo keessa isaanitti dhimma ummata isaaniif warra quuqamanidha.
Jaallannus jibbinus, Bilisummaan mataa ofii irraa eegala. Gabrummaa wayyaanee yk sirnoota biroo keessaa baqatanii ba’un bilisoomu miti. Kun beekamu qaba. Biyyoonni gurguddatan, maaliif sirnoota nama nyaataa deeggaraa humna namaa guurratan ? yoo jenne gabrummaa isa hamaa keessa jiraachuu keenya mirkaneeffanna. Kanaaf waanuma feene kessa jiraannu of golginee jiraachuu hin dandeenyu. Of gawwamsuun haa dhaabbatu. Wayyaaneen hedduu keenya kan ariite, Biyya faranjii keessa dhaqee of haa dhabu. Odoo jireenyaaf fiigu of wallaalee , amma inni deebi’ee of barutti waan barbaannu gochuu dandeenya. Ykn amma asi taa’ee nu jeequ achi nu irraa haa fagaatu jedhanii ta’uu eenyutu wallaala ? kana odoo beeknu of sobnee nama nageenya qabu fakkaachuun eessaan nu ga’a ? dallannee eessa geenya ? Wal irraa fagaannee gammachuu maalii arganna ? wal dheessinee kamiif fira taana ? waan har’a aarii fi miira ho’aan murteessinu hundi maalitti akka nu baase argineerra. Waan argine kana irraa barachuun ammo namummaadha. Yoo akka namaatti yaanna ta’e, rakkoo xiqqoo jaarsummaan fixachuu dandeenyu ykn wal gorfachuu akka mo’amutti fudhannee  gabrummaan jiraachuu hin filannu. Kanaaf waan nu mijatu maraan qabsoo kana cinaa hiriiruu ykn qooda lammummaa akka dhuunfaattis ta’e gurmutti waliin hojjchuuf haa kaanu.
Walumaa galatti yoo irratti hojjanneef bara itti aanu kana diina keenya qabeenyaa keenya boraafatee ciise hegaree isaaf akka yaadda’uu taasisuun ni danda’ama. Nuuti laafachuu keenyaan malee wayyaaneen jilbeeffattee nu araarfatti turte. Laafachuu keenyatu kabajaa nu dhabsiisee yaa jamaa !!!!!!!!!!!!! keessattu amma kana baayyannee humna harka 10n caalluun Ukkaafamuu keenyatu salphina daangaa hin qabneedha.mee fakkiin isinitti haa himu. Uffata sireetu, Dirree kubbaa Ukkaamsaa????kkkkkkk qaaniidha . dhugaa qaaniidha. Garaan keenya hangam bal’atee salphina kana akka baatu naaf hin galu.
Amma gidduu kana Ummata dudubbachiisaa kan jiru, dhimma beeksiisa Baddallee Biiraati. Duratti dhalli Oromoo irra jireessi Baddallee kana filata. Kun ammo meettaa biraafaaf gammachuu hin turre. Haala amma umame kanaan Ummata keenyatti ni deebi’u jechuudhaa. Akka kiyyatti yaada nama tokko Intarneeta irratti kaaseetu fala jedheen fudha. Waanuma halgaan/diinni Omishee ittin nu cabsu irratti qoqqobbii yoo taasifne , kan ahr’a ke’efis deebii ta’aa jedhan. Kun waan salphaa miti. Hindoonni akkasittin Biyya amma Ingilizii geessu kana ofirraa aria’aniiru. Gama tokkon Oromoo irraa bituu jechuun Dingdee Oromoo guddisuu ta’a. gama tokkon ammo of kabachiisu ta’a, gama tokkon diina laaffisuu ta’a. kana gochuun akkamiin nu dhiba. ?????????garuu miidiyaaleen Oromoo gama hundaa sochii taasisan dinqisifachuu hin dhiisu. Isa nu irratti sirbees akka qabsiisuun rakkoo kan qabu natti hin fakkaatu. Keenya meeqatuu …………waan maraafu yoo itti yaanne hojiin kun hojii qeerroo irra hin taru.
Anis bara 2014 tti hojii kiyya ittan fufa. Yaada walii laachuu fi jabiinaa fi laafina walitti himuun guddina waliiniti. Yaada walii gumaachuun obbolummaa mul’isa. Jaallummaa dhugeessa. Kun warra barreessuu hundaa jajjabeessa. Nama arrabsuun maalummaa abbaa Sanaa mul’isuu malee nama katabu hin xiqqeessu. Haqa kan hin fudhanne yeroo hundaa bakka salphinaa dhaabbata. Gama maraan bakka jirrutti haa jabaannu. Laafinni keenya diina goobseeraa haa hojjannu lammii koo. Ani lammii koof qasaa’uu irraa hafuukootu na gubu qaba malee ykn Ummata kiyyaaf gumaacha tokko gochuu kiyyatu na gammachiisuu qaba malee, qabsoo keessaa ykn gumaacha taasisu koo dhaabuu kootiin gammaduun wallaalummaadha. Ani qabsoo kana keessaa baanaan waa ni hiri’ata jedhee wayitan yaadu, Diinni maatiikoo biyya keessaa irra akka sirbu taasisu koo hubachuu na barbaachisa. Waggaa kana kanneen yaada naa lattan hundaa galatoomaa . warra yaadakoo Ummataan geessanis galatoomaa. Barri 2014 bara itti wal jabeeffannu fi yaadi ofittummaa itti baddu yaa taatu . !!!!!!!!!!!!!!!!YOO ALAA GALUU BARBAADDE FI BIYYA KEE IRRATTI BILIUSMMAA BARBAADDE, BAKKA JIRTUTTI GURMAA’II HOJJADHU !!!, AKKA DHUNFAATTI WAAN DANDEESSE GUMAACHI. Yoo kana keessa hin jiraatiin ofumaa jiraadhu. Yaadas hin laatiin. Hin komatiin hin deeggariin. Hin fakkeessin . Maaliif jennaan NAMUMMAA KEESSA HIN JIRTU WAAN TA’EEF. 

Kutoolee dabran:

No comments:

Post a Comment