Gabaasa Qeerroo Mattuu Gurraandhala 5,2014
Gabaasi Qeerroo yYuuniversitii Mattuu Guraandhala 4,2014 akka beeksisutti mootummaan abbaa irree Wayyaanee EPRDF akkuma amala isa baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu Mummee barmoota Engineering waggaa 1ffaa hanga waggaa 3ffaa barachaa jiranifi kan baratootni mummee garaagara keessatti argaman baratoota 11 barmoota idilee isaanii irraa Waggaa tokkoo hanga waggaa sadii barnoota irraa yeroo adabu, barata tokko immoo guutummaatti barmoota irraa arii’uun,Baratoota lamaa immoo akeekkachiisa dhumaa itti kennuun ilmaan Oromoo abdii biyya fi gaachana uummataa ta’an kun badii tokko malee barmoota irraa arii’amaniiru.