Guraandhala
2, 2014, MOA, Perth;- Ayyaanni WBO Amajjii 26/2014 magaalaa guddittii
“West Australia” kan taate “Perth” ti sirna hoo’aa fi miidhagaan
ayyaaneffatame. Sirni ayyaana kanaa akkuma aadeeffatametti eebba
manguddotaa fi Faaruu Alaabaa Oromoon eegale. Itti aansuun Konyaa ABO
Perth bakka bu’uun hirmaattotaan bagan nagaan dhuftanii fi galata kan
galchan Ob. Gammachuu Dambalii ti. Ob. Gammachuun keessummoota
hirmaattotaan erga wal barsiisaniin booda, akeeka qophichaa fi
sagantaalee jiran beeksisuun MGS fi MBBA – ABO Ob. Gaashuu Lammeessaa fi
gaafatamaa Jaarmayaa fi Siyaasaa kutaa ABO Australia Ob. Gammachuu
Fayyeeraa gara waltajjiitti afeeran.
Ob. Gaashuu Lammeessaa seenaa Ayyaana
Guyyaa WBO yaadachiisuun dirree qabsoo fi caayaalee ABO qofaa biratti
waggoota muraasaaf erga kabajamee booda guddachaa fi babal’achaa deemuun
ayyaana Ummata Oromoo bal’aa ta’uu ibsan. Kan seenaa hayyoota seenaaf
keenyee, akka qabsaa’aatti kan itti xiyyeeffannu haala qabatamaan har’a
harkaa qabnuu irratti kan jedhan Ob. Gaashuun qabsoon bilisummaa Oromoo
yeroo ammaa qabatamaan irra jiru ayyaaneffattootaaf bal’inaan ibsan.
Qabsoon bilisummaa Oromoo ABOn
hogganamu bu’aa bahii fi gufuun keessaa fi alaan itti heddummaatu illee
gufuulee hunda injifannoon irra aanee akeeka QBO; Bilisummaa Ummata
Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa dhugoomsuuf qabsoo hidhannoo, siyaasaa,
dipilomaasii fi Warraaqsa Ummataa qindeeffatee gaggeessuun humna guddaa
ta’uutti Ummanni Oromoo ittiin boonuu qaba jedhan.
Wabii fi Gaacha Umaata Oromoo kan ta’e
WBO ilaalchisee Ob.Gaashuun yommuu ibsan dirree sochii kaabaa-kibba,
bahaa-dhiha, akkasumas jeddu gala Oromiyaa keessaatti babal’ifachaa
tarkaanfilee jajjabduu diina irratti fudhachaa akka jiru, tarkaanfii
kanas jabeessee akka itti fufu ta’uu firootaa fi diinota keenya maraaf
ifa goona jedhan.
Sochii biyya keessaa ilaalchisees
caasaalee ABOn ijaaraman fi qabsichi kan of keessa uummate Sochii
Qeerroon Bilisummaa Oromoo taasisu akka jabaatee humna jijjiirraa
bu’uraa argamsiisuu danda’utti Addi Bilisummaa Oromoo tumsa irraa eegamu
mara of qusannaa tokko malee taasisa jedhan. Kanuma waliin hojii
dipilomaasii kan ilaalu sagalee Ummata Oromoo fi sochii QBO
dhageessisuun cinatti shiraa fi yakka Wayyaaneen Ummata Oromoo fi
Oromiyaa irraan gahaa jirtu saaxiluuf ABO jabaatee hojjataa akka jiruu
fi dhageettii hedduun argamuu kan ibsan Ob. Gaashuun hojii gama kanaa
humneessinee gurra horuun; adda durummaan hawaasa Oromoo biyya alaa
jiraatan irraa kan eegamu ta’uu jabeessanii dhaaman.
Ibsa bal’aa viidiyoo fi suuraaleen
deeggaramee kenname si’aa’inaan kan dhaggeeffatan ayyaaneffattoonni
waantota ifa hin taane hunda naamusaa fi naamusa ijaaraa ta’een
gaafataniiru. Ob. Gaashuunis deebii qubsaa deebisaniiru. Dabalataan ABO
maal nurraa eega? Maal nuuf dhaamtu? Gaafii jedhuuf;
Diinonnii QBOs ta’ee Ummata Oromoo
cabsuuf dhama’an Wayyaanee qofa otoo hin taane kanneen bakka kufanii
ka’uuf ekeraa faarsuu eegalan akka dabalatu yaadachiisuun kana hunda
irra aanuuf injifannoolee amma har’aatti argame eeggachaa qaawwa diinni
ittiin nu seenuu danda’u mara cufachuu keenya marikaneeffachuu akka
feesisu; kanuma waliin mooraa Oromummaa keessatti of eeguun ulaagaa
sabbonummaa ti kan jedhan Ob. Gaashuu yeroon ammaa taa’anii kan hojjatu
yeroo itti qeeqan otoo hin taane kan beekumsa qabu beekumsaan, kan
ogummaa qabu ogummaan, kan humna qabu humnaan, kan maallaqa qabu
maallaqaan qabsaa’otaa fi WBO cina dhaabbachuun gaafatamuummaa seenaa
jalaa yeroo of baasuu qabnu waan ta’eef bakka dandeettii keenyaa adda
baafannee dirqama keenya haa baanu jechuun dhaaman.
Ayyaana kana irratti kabajamtuu fi
jaalatamtuu kan taane artiisti Ilfinash Qannoo Norway irraa kan argamte
yommuu ta’uu haasaa gabaabaa taasifteen jabinni qabsaa’otaa obsaa fi
cichoomina akeeka dhaabbataniif qabaniin akka madaalamu ibsuun obsa
waliif qabaannee tokkummaan dhaaba keenya ABO cinaa haa dhaabbanu
jechuun dhaamsa qabdu dabarfatte.
Ob. Gammachuu Fayyeeraa gama
isaaniitiin sochii ABO biyya Australia keessatti taasisaa jiruu fi
tarsiimoo diinni ittiin hawaasa Oromootti seentu yaadachiisuun, hawaasni
Oromoo akkuma aadaa isaatti jabaatee sochii diinaa akka fashalsuu fi
dursee irratti hojjatu dhaaman.
Ayyaana kana irratti Vidiyoon sochii
WBO fi diddaa sabboontota Oromoo biyya keessa qalbeeffachiisu kan
agarsiifame yommuu ta’u; hirmaatonni ayyaana kanaas vidiyoolee sa’aa
dheeraaf agarsiifame gammachuu fi marartoo guddaan erga ilaalanii booda
battalumatti tinnisa WBOf oolu kumoota hedduun lakkaa’amu gumaachuun
gumaachi fakkaataan jabaatee akka itti fufuu fi waan qaban maraan ABO
waliin akka hiriiran waadaa galan. Gumaata taasifameenis ta’ee
hirmaannan hawwan Oromoo Perth fakkeenya gaarii fi abdii qabsaa’otaa
Oromoo ta’uu isaanii kan mirkaneesse ture.
source ( http://ayyaantuu.com/horn-of-africa-news/oromia/ayyaanni-wbo-magaalaa-perth-keessatti-kabajame-milkii-fi-injifannoon-xumuramee/ )
No comments:
Post a Comment