Ebla 3,2014 Yuuniversitii Jimmaa Irraa
Amma illee akkuma kaleessaa jechoota dadhabaa fi jibbiinsa sanyii balfattummaa irraa kan ka’een ilmaan Habashaa xiqqeenyaa fi balfattummaa uumata Oromoo irratti olola daangaa hin qabne gaggeessaa jiru. Dabtarooti Habashaa bara doofummaan kan barreessanii olitti har’as beektota warri jedhaman ummata Oromoo xiqqeessuu fi akka saba seenaa hin qabneetti jechoota arrabaafii balfii qabuun waa hedduu jechaa jiru.
Yeroo ammaa kanattis barruun “ Hinquu” jedhamu biyya Itoopiyaa keessatti dhaabbiilee barnoota ol-aanoo biyyattii hunda irra

