Adoolessa 29 , 2013
Korri Gamtaa Miseensota ABO kutaalee Awurooppaa milkiin
xumurame
Korri gamtaa miseensota ABO kutaalee Awurooppaa, Kutaa
Iskandanaaviyaa, Kutaa giddu
galeessa Awurooppaa fi kutaa UK waliin magaalaa Oslootti
gaafa Adoolessa 28-29, 2013
gaggeeffame milkiin xumarame.
Kora kana irrattis, miseensota ShG GS ABO J/Abbaa Caalaa
Lataa, J/Dr.Dagafaa Abdiisaa fi
miseensota GS ABO J/Dr.Shuggux Galataa, J/Aster Gammadaa fi
J/Jireenyaa Ayyaanaa kan
irratti argamani yommu ta’u miseensi ShG ABO J.Abbaa Caalaa
Lataa haala yeroo ammaa irratti
ibsa bal’aa kennanii jiru. Ibsa kana irrattis haala dhaabni
keenyi keessa jiru irratti miseensoliin
ABO gaaffii fi deebii akkasumas marii jabaa gaggeeffatanii
jiru.
Marii kana irrattis egeree dhaaba kenyaa jabeessuuf haalli
amma keessa jirru yeroo kamuu
caalaa cichoominaa fi of-kenniisa dachaa akka gaaftu beekuun
jabina qabnu jabeeffataa fi laafina
qabnu fooyyeffachaa hiree dhufu itti dhimma ba’uuf jabinaan
akka hojjetamuu qabu
miseensoliin, qondaalonnii fi Hogganni akka murannoon itti
bobba’an wal hubatnoo irra
gahame.
Marii bal'a erga gaggeeffatnee booda nuti miseensoliin ABO
kan kora gamtaa miseensota ABO
kutaalee Awurooppaa, Kutaa Iskandanaaviyaa, Kutaa giddu
galeessa Awurooppaa fi kutaa UK
kora kana irratti argamne ibsa ijjenoo armaan gadii
baafachuun kora keenya milkiin xumurannee
jirra.
• Gaaffiin saba Oromoo akka deebi’uuf hojii dhaabi keenyi
biyya keessatti hojjetu, ijaarsa
jaarmiyaan dalagamu cimsinee ni deeggarra, akksumas ga`ee
nurraa eegamu mara ni
baana.
• Haala walxaxaa gaanfa Afrikaa keessa jiru, haala rakkisaa
fi sabatiinsa hin qabne keessatti,
haala humni addunyaa ilaalcha guddaa itti kennee hordoffii
cimaa keessa jiru keessatti,
ABO itti fufiinsaan qabsoo saba Oromoo gaggeessuun gaaffii
saba Oromoo xumura itti
tolchuuf tattaafatamu ni dinqisiifanna, Tattaaffiin Qabsoo
hidhannoo fi dipilomasiis haga
gaaffiin Oromoo sirnaan deebi'utti jabaatee akka itti fufu
qooda nurraa eegamu ba'uuf
qophii ta'uu keenya mirkaneessaa, waadaa keenyas ni
haaromsina.
• Tokkummaa gurmuu qabsaa`oota Oromoo jabessuuf tattaaffii
hogganni keenyi godhu ni
deeggarra, akksumas fiixaan ba`iinsa tattaaffii kanaaf ga`ee
keenyaa akka baanuu fi
dirqama nutti kennamu raawwachuuf qophii ta'uu keenya
mirkaneessina. Hoogganni
keenyi akka jabinaaan irraati hojjetee mooraa ABO kan mirga
hiree murteeffannaa fi
bilisummaa saba Oromoo irraa waakkii hin qabne bakka
tokkotti qabee qabsoo Oromoo
of dura tarkaanfachiisu fi abdii fi hawwii keenya ta'e
dhaamanna.
• Fira qabsoo keenyaa hedummeessuu fi diina hiri`isuu
tattaaffii tumsaa ABO raawwatu ni
deeggarra, akka daran jabaatee irratti hojjetamuuf qabsoo
tin'isus ni dhaammanna.• Humna gurmuu qabsoo uumataa fi saba Oromoo keessaa fi
alaan facasuuf dalagani mara ni
balaaleffaanna. Dhaaba keenyas humnoota farra qabsoo kana
irraa ittisuuf dirqama
nurraa eegamu mara ni baana.
• Sanyii duguuggaa mootummaan abbaa irree wayyaanee kan
Uummata Oromoo fi
uummattoota biroo irratti raawwachaa jiru cimsinee ni
balaaleffanna
• Maqaa investimentiin lafa Uummata Oromoo akka qircaatti
gurgurachaa jiru ni balaaleffanna.
Ummatni Oromoos qabeenya isaa akka tola gadi hin dhiisnee fi
falmatu dhaammachaa
tini'sa feesisu kennuuf qophii ta'uu keenya ni hubachiisna.
• Summii maqaa investimentiin qe’ee fi lafa Oromoo
hammeessan, kan naannoo Oromiyaa
keessatti bal'inaan faca'aa jiru fi gaaga’ama lubbuu fi
qabeenya uumamaa irraati
gaggeefamaa jiru akka shaffisaan dhaabbatu akeekkachiisna,
gaafatama lubbuu fi
qabeenya naannoo irratti gahuufis gaafatamaan Wayyaanee fi
ergamtoota ishee ta'uu
hubachiisna.
• Mootummaan wayyaanee uumattoota olla Oromoo jiran
hidhachiisuun lola adda addaa
raawwatan ni mormina, ni balaaleffanna. Badii lubbuu,
qabeenyaa bahee fi manca'eefis
gaafatamaan mootummaan Wayyaanee ta'uu addeessaa ummattootni
bara dheeraa waliin
jirachaa turani akka shira gatii hin qabne kan keessatti hin
hirmaatne dhaammana.
• Uummatni Oromoo biyyaa keessaa, biyya ollaa fi biyya alaa
keessa jiraattaniif kan qabsoo
bilisummaa saba keenyaa bakkaan ga'uu danda'u ABO waan
ta'eef akka ABO cinaa
hiriirtanii qabsoo saba fininsuu fi xumura itti tolchuuf
akka waliin hiriirru waamicha
isniif dhiyeessina.
Injifannoo Ummata Oromoof! OLF Union Conference In Europe
Region held at Oslo, Norway.
The above mentioned conference organized by Europe
region OLF UNION conducted for two consecutive days from 28/06/2013 -29/06/2013
in Oslo.
On this
conference, the high ranking and top OLF political officials and the members of
central executive committee were
among the participants.
Among those
Mr. Abba Caalaalataa, who came from Eritrea,Asmara OLF main office and Ms.AsterGammada from German, Berlin OLF Europe region Office and Other three whose their names are
mentioned below are also among
the members of OLF central executive committee who were participated and
attended the conference.
1. Dr.
Dagafaaabdiisaa
2. Dr. ShugguxGalataa
3. Mr. JireenyaaAyyaanaa
The
conference was opened by the blessing of the Oromo elders according to the
Oromo culture.
AbbaaCaalaaLataa
(the brother of the former Leader of OLF,LeencooLataa) has presented
the agendas of the conference in the wide range concerning the current situation, issues and
affairs of the Organization for the house.
The members
have raised several suggestions, comments and questions on the raised matters
and widely discussed on the affairs and finally reached on the following
consensus.
1. Our current political
situations are encouraging and it
requires more commitment to foster our strong side and improve the weak side we
have come up with.
2. The leaders and members should
cooperate and hard work in harmony and in line with the organizational goal and
objective to tackle future shortcoming.
We as a
member of the OLF have winded up the conference with the following Political
stand statements
1. We will strongly work hard as a
member and struggle in supporting and
movement made to seek the answer of the depraved Oromo nation I Ethiopia and in
abroad as well.
2. We will strongly commit to continue
our struggle until the Oromo’s
political, social and economic questions get answered.
3. We strongly urge and condemn the
inhuman treatment and mass killings (genocide) happening on the and forceful
evictions of the Oromo and other
People from their own land in the name of investment in Ethiopia by the
EPRDEF dictatorial regime.
4. And the likes are among our political stand statements we have
concluded the conference.
No comments:
Post a Comment