
1. Barataa Guutasaa Jaalataa barataa Medicine waggaa 5ffaa
2. Barataa Sanyii Iddoosaa barataa Medicine waggaa 5ffaa
3. Barataa Zabbanaa Barasaa barataa Afaan Oromoo Folklore waggaa
3ffaa kanneen jedhaman badii tokko malee sababa Oromoo ta’an qofaaf barnoota irraa ni arii’amtu, ni hidhamtuu jechuun dorsifaman. Kana malees sabboontootni baratootni Oromoo hedduun Yuunivarsiitii Jimmaa irra barachaa jiran humna tikaa fi poolisaan bilbila isanii irratti bilbiluun illee akka dorsifama jiran ibsatani jiru.Gochaan shiftummaa fi faashistumma abbaa irruumma Wayyaanee kun baratoota Oromoo cufa fincila diddaa garbummaa (FDG)f kan kakaase ta’uun ibsame.
Haaluma walfakkatuun humini waraana Wayyaanee gara Yuuniversiitiiwwaa dhiha Oromiyaa Jimmaa, Mattuu, Amboo fi Wallaggaa irratti xiyyeeffannoo addaa gochuun humna waraanaan eegaa jirachuun gabaafame jira.
Haala kana ilaalchisuun gaggeesitooti Qeerroo bilisummaa Oromoo dhiha Oromiyaa dhaamsa dabarsee jira. Baratootni Oromoo bakka jirtan hundaa dammaqa, mirga keenya kabachiisuu fi doorsisaa, hidhaa, sakkatta’insa seeraan alaa, sirna minilik amma wayyaneen nurraatti farsisaa jiru dhaabufi abbaa irrumma of irra dhaabsisuuf tokkummaan mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuu qabna. Dorsiifni, hidhaan ,sakkata’insii, ajjechaan, arii’atamuu fi heddumni waraanaa kayyoo bilisummaa saba keenya danquu kan hin dandeenyee; kanaaf dubatti kan nu hin deebinee ta’uu akeekkachiisna.
No comments:
Post a Comment