
Gabaasa:Guyyaa har’aa Ebla 11/2014 Goototni Qeerroon Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma FDG dhoowosan. Goottootni barattootni Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa haala qindaaaa fi bifa haarawaan qaanqee FDG qabsiisuun gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa Oromoo,Gaaffii Magaalaan Finfinnee bulchiinsa Oromiyaa jala galuu qaba jedhuu fi Adeemsii Magaalaawan Oromiyaa Finfinnee fi Federala jala galchuuf mootummaan EPRDF hojjechaa jiru dhaabbachuu qaba kan jedhuu fi gocha sanyuummaa irratti hundaaeen barruu maxxansa ilmaan
Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa yeroodhuma FDG seenaa qabeessa kana dhoowosanitti barruulee nafxanyaan diinummaa uummata Oromoo irra qabuuf arrabsoo fi dhaadhessa maqaa balleessii irratti rawwachuun maxxansa hinquun lakk.113 bitootessa 2014 baase library Yuunibarsiitii Jimma fi Magaalaa Jimmaa keessa walitti qabuun mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa kessatti ibiddan gubuun bulchiinsi yuunibarsiitii Jimmaa gochaa seeraan alaa fi yakka nurratti dalagamee kana library gachuun caalmatti dhiigni keenya akka danfuu godheef itti nuf haa gaafatamu jechuun dhaadannoowwaan garaagaraa dhageesisuun seenaa qabsoo FDG dargaggoota Oromoo keessatti boqonnaa haaraawaa banuun qabsoo bilisummaa Oromoo finiinsan.
No comments:
Post a Comment