Saturday, October 5, 2013

DAANIYAA: MIL’UUFI MUL’II

                                            Kaawoo Deebisaa  (Naaroobii, Keenyaa) | Onkololeessa 5, 2013
Seensa
scan0001
Amantiin mala dhugeeffannaa dhalli namaa ittiin Uumaafi uumama isaa hubatu, ittiin buluufi ittiin jiraatuudha. Kitaabni seenaa Oromoo tokkos akka ragaa bahetti amantiin kan ittiin ummanni tokko Uumaafi uumama, akkasumas jireenya ilaalu, hubatu, abdii dhugeeffatee ittiin jiraatu.”[1]
Akkuma ummata kamuu, ummanni Oromoos amantii ganamaafi sirii kan ittiin dhugaa Uumaa dhugeeffatu, kan ittiin jiruufi jireenya isaa qajeelfatu,kan ittiin akka fedhiifi seera Waaqaatti gaaromee jiraatu, kan mataasaa qaba; amantiin Oromoo ganamaafi sirii kunis Waaqeffannaadha.
Waaqeffannaan amantii Waaqa Tokkicha jiruufi jireenya ofiitti aanfatanii ittiin qajeelfamaniidha. Waaqeffannaa jechuun mataasaatiinuu, Waaqa aanfachuudha; Waaqa jireenya ofiitti aansuudha. Oromoon hunda caala kan ofitti aansu, kan ittiin of qajeelchu, Waaqa; Waaqa Uumaa kan waa hunda uumetti bula. Kitaabni Waaqeffannaa an yaada irratti kennuuf
jedhus kanuma ragaa baha.  “Waaqni tokkicha qofaadha; hiriyyaa hinqabu; hindhalu; hindhalchu; hindhalatu; hindulloomu; hindu’u. Jiraataa fula’aadha. Waaqa gochaan malee ijaan arguun hindandea’amu. Waaqaanis waanti qixxaatu hinjiru. Waaqni beelii-beleliidha.”[2]
Dhugaa Oromoo kana namuu nibeeka ta’a; garuu, kanneen ittiin qajeelfamaniifi ittiin bulaniin ala dhugaa isaa kan dhaqna godhatee hubatu xiqqaadha.Kunis sababa mataa isaa danda’e irraa madde. Wayyuun Oromoo, kan argaa- dhageettii himuuf aangoma Waaqaa muudaman tokkos kanuma ragaa bahu. “Waaqeffannaan nigaadi’ame malee hinbanne; gaafa dhugaan Oromoo gale, aadaan, amantiin, duudhaafi safuun oromoo homa deebi’ee gala. Waaqeffannaan nidhokate malee hinbanne; kan gaadi’ame waan dhalli namaa Waaqeffannaa dhiisee waan dhibiin buluu jalqabeef; waan dhibiitti, waafoo ykn waaqa tolfamaatti of kenneefi waan dhibii ofitti aanfatee jiraachuu waan mararfateef.Yeroo kana aada maleen warra seenaan aadaan warraa baate.”[3]
Akka ibsa Wayyuu kanaatti aada maleen amantii dur hinturre, kan aadaa Oromoo ganamaa wajjin hidhata hinqabne, amantii alagaati.Kana jechuun gaafa amantiin alagaa jiruufi jireenya Oromoo keessa seenuu jalqabe san , amantiin Oromoo, Waaqeffannaan, immoo Oromoo dhiisee bahe.’Aada maleen warra seennaan, aadaan warraa baate.’
Waaqeffannaan warra amantii dhibii fudhatan dhiisee haaba’u malee, hinbanne; warra Waaqa ganamaan bulaniifi Waaqa Tokkicha ofitti aanfatan keessatti dhokate. “Kanaaf,” jedhu Wayyuun kun; “Waaqeffannaan maal taanaan gaadi’ame? Sababa qaba; kunis cubbuun waan lafa dhaaleef; qaroom-cubbuun waan jiruufi jireenya Oromoo dhuunfateef; qaroom-cubbuun waan ta’uu hinmalle, garuu, dhalli namaan ta’ee argameedha.”[4]
Waaqeffannaan nidhokate malee hinbanne; nigaadi’ame malee hinbanne. Gaadi’amuu Waaqeffannaaf ammoo, ragaalee hedduu dhiheessuun nidanda’ama. Anaaf, garuu,kan waa hunda naaf ibse , kan akka nadhii dammaatti na qabbaneesse, kan yaadaafi qalbii kiyya wajjin walfudhate, Kitaaba Waaqeffannaa yeroo duraaf waa’ee amantii Oromoo ganamaa irratti sonaa’eedha; Daaniyaa!

No comments:

Post a Comment