Tuesday, December 17, 2013

Duguuggaan Sanyii Minilik Oromoorratti Oofe “WARAANA QULQULLUUDHA”

    OromoPress                                                                                 | Mudde 16, 2013
Fuulduree barruulee Afaan Amaaraa “Inquu” jedhamu irratti Teweedroos Kaasaahuun ykn Teedii Aafiroo (maqaa sirbaa) “Waraannonni Minilik Itoophiyaa Tokkoomisuuf Deemisise Anaaf Waraana Qulqulluudha” jedhe.Yaanni kun kan Teedii Afiroo qofti itti amanu moo yaada bal’inaan murnoonni habashaa itti amanani? Himichi golgamaan kun akkasitti hiikkama ifatti: Duguuggaan sanyii Minilik 2ffaan ummata Oromoofi ummata gara kibbaa biroorratti raawwate waraana qulqulluudha jechuudha. Akkamitti namini mataan isaa fayyaa qabu tokko duguuggaa sanyii ummata Oromoo walakkaadhaan lakkoofisa isaanii gadi hiri’iseen “waraana qulqulluu” ykn kiruuseedii jedhaani? Yaanni akkasii eessa madda? Yaadonni akkasii kan mancaasuu ummata tokko faarsan hundee siyaasaa, amantii,qor-yaada (ideology) aadaafi jibbiinsa sanyummaa qabuu? Hayyoonni Adda Bilisummaa Tigiraay (ABT/ADWUI) duula duguuggaa sanyii hayyoota Amaaraarraa Oromoo baraareera moo ABI/ADUWI tarsimoodhuma walfakkaatu mootota Amaararraa dhaale? Duguggaan sanyii ABT/ADWUI jalatti Oromoorra gahaa jiru maal fakkaata? Doowwiin Haasaa kuni gaaffiiwwaniifi dhimmoota walmormisiisoo kanneeniif haga danda’ametti deebii kennuu yaala. Deebiiwwan kennamu gonkumaa guutuu miti.Maddi jibba akkasii qorannoo gadifagoo biroo barbaada. Oromoo biratti akka Adoolf Hiitilaritti, hogganaa Naaziitti, kan laalamu Minilik Teweedroos akka abbaa isaatti laaleet waaqeffata, faarsa.

–Full Report Oromo Press

No comments:

Post a Comment