Thursday, February 27, 2014

Magaaloti Oromiyaa guguddoon bulchiinsa Federaalaaf Kenname,Baadiyyaan Oromiyaa ammo Dureeyyii halagaaf gurguramaa jira.

Gurandhala 27,214 Finfinnee

Qeerroo bilisummaa
Mootummaan gabroonfataa uummata Oromoo qe’ee fi lafa isaa irraa buqqisuu aadeffate har’a illee saalfii tokko malee magaalota naannoo FF kan akka L/Xaafoo L/Daadhii,Burraayyuu,Sabbataa fi Duukam fa’aatti lafa qonnaan bulaa irraa saamee maallaqattii
gurguratuu irra darbee qonnaan bulaa Oromoo lafa isaa ifaan ifaatti irraa fuudhuun ummaata Amahaaraa fi Tigrree naannoo isaanii irraa fiduun sababa rakkattoota jedhuun qubachiisee uummata Oromoo jireenya gadadoo keessatti kuffisaa jiraachuun hubatamaa jira.kana malee sirni abbaa hirree uummata Oromoo lafuma isaa waliin uummata Oromoo dhabamsiisuuf tattaaffataa jiru,magaalota Oromiyaa kan akka magaalaa Jimmaa fi Adaamaa godina addaa jechuun Oromiyaa jalaa baasuun harka federaalaa galchuun beekkame,dabalataan magaluma Jimmaa kana keessa uummattoonni jiraatan harki guddaan/74%/ saboota biroo waan tahaniif afaan hojii fi barnootaa afaan amariffaa tahuu qaba jechuun illee jijjiiruuf tattaaffii godhaa jiraachuun
dhagahamaa jira.
Gabaasa KSBO!

1 comment:

  1. Eeyyen!! Naannon Magalaa Fifinnee Fedela Jelaa Ooluu Enyutu Murteessa? Gaafiin Jedhuu Arka Chaalaa Oromootaa Naanno Magalla Finfinne Irra Utuu hin Ta'hii Uummata Oromoo Balaatuu Deebisuuf Dirqama Qabaa.Akka lakkofsaa Europeatti 1991, Yeroo Sanatti Dureen Uummata Oromo OLF, Oromo Liberation Front( Addi Bilisumma Oromoo, Qodaa Keesssatti Fudhachuun ni Yadama. Hata'uu malee Akka Mootummaan Federaala Itti Murteeseen Uummatni Oromo Qoodaa Mirgummaa Isaa Diddaa Agarsiisuun Illee inumaa Dhufaa Ammas Jira.Karaa Gama Kootii Finfinneen Handhuurii Oromiyya Waan Lafa Federalaa Thahuufis Hinqabuu, Itti aansee, Federaallii Ethiopia Ijjaaramuun Isaa Senaa Garburumma Europea tii fi Biyyoottan Gara Bitaa Aduu YkA ( Western Countries ) Warri Jedhaman Fedhii Boilolchumma Dinagdee Isaan Guutachuu < Akkas Jedha. Waa'ee Democracy Biyyoo Biyyaa Ethiopia Kasnatti Hin Ijaaru, MaaliiF yoo Jettan Akka Amma Ilallutti Bankiin Aduunyaa Hoomisaa, Misoomaa, Waan Jedhuun Jelaa Feegdoota Mootumma Tigray YKa, The Tirean Colonials era Jelaa Warrii deemtuu Itti Gaafatama Karaa Bakka Bu'uummaa Uummata Oromoo Fudhachu Hindendeenyee Fudhachhu Immo Ajajaan Isaani Muka Qottoo Taatee ( Fertile Ortomo Lands ) kan Saamsisaa Jirtu Wajjin Dhaabbachuun Uummata Oromoo Afaan Fajjeessuun inumma iyyu akka OPDON Rukutaa Ishee Gochuun hin Ooluu JedhamA Galatooma! Kun Faris Ali Jima ( The Author For The Book Oromo People Around The World!! Thank You All!!

    ReplyDelete