Kanumaan wal qabatee yeroo ammaa mootummaan Wayyaanee hojjetoota waajirtoota adda addaa irraa hojjetan kanneen lammiin Oromoo ta’an qorannaa cimaa irratti adeemsisaa ture ammas bifa hin beekamneen itti jira. Torbeewwan kana keessaa Bitooteessa gaafa 12 fi 1aanaa Galaanoo Sabooraa; mana barumsaa Galaanoo Sabooraa kutaa 11 fi 12 baratan top-ten(barattoota sadarkaa qaban) kana jechuun barattoota barumsaan dandeettii qaban kan sadarkaa qaban guyyoota lamaan kana irratti dhimma barumsaan kan wal qabate wal gayii isaan waliin adeemsisani turaniiru.
Barattootni lakoofsaa mana barumsaa kana irraa wal gayii kanaaf carraa argatan hanga nama 52 yoo ta’an barattootni dhimma wal gayii sanii ykn ajandaa jalee Wayyaanee kanaa diiguu fi akkasuma carraa argatan kanatti gaaffii gaafatamuu qaban rakkoolee mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru, saaminsa lafaa,ariyamuu barataa,hoj-dhabdummaa irratti qixa godhachuudhaan gaaffiwwan kanneen kaasuun guyyaa jedhame kana irratti barattoota kanaan gaaffii kanaan wal qabatee diddaa guddaan ka’e, barattoota kana keessaas baratoota hedduu cimoo ta’an nama lama yeroodhaaf qorannee barumsa keessaniitti deebitu jedhuudhaan mana hidhaa magaalichaatti darbamani jiru,
1. Barataa Dhugumaa Ifaa-kutaa 11ffaa
2. Barataa Geetuu Kaffaalee-kutaa 12 ffaa iraa baratan kanneen lamaan gaaffii ABOn amma fudhatee ka’ee jiru gaafachaa jirtu isintu adda dureedha jedhanii qorannoodhaan dhiyeessanii hanga ammaatti mana hidhaa keessatti akka qoratamaa jiran Qeerroon magaalaa godina addaa Finfinnee Sulultaa irraa gabaasee jira.

No comments:
Post a Comment