Saturday, August 3, 2013

Gaaffiin dabalinsa miindaa dhaabbiilee barnootaa fi waarshaalee gurguddoo keessatti bifa tokkummaan eegale.

Hagayya 2,2013 Finfinnee

Hojii dhabdummaan,Qaalainsi jireenyaaImpaayera Itoophiyaa keessatti rakkoo hammaachaa dhufe mootummaan wayyaanee itti gaafatamummaa haa qabaatu jechuun hojjettootni waarshaa Tandaahoo Gamtaan gaafatan.Gaaffiin dabalinsa miindaa Yuunivarsiitiilee keessaa fi waarshaawwan mootummaa wayyaanee fi alagootaa keessatti jabaachaa dhufuu irraa mootummaan wayyaanee
kan baarage miseensota EPRDF fi basaastota isaaf dhoksaan dabalinsa miindaa gochaa jira.Hojjettoota mootummaa guutummaa biyyattii irratti shirri kun kan saaxilame dhaabbiilee barnootaa fi waarshaalee gurguddaa keessatti gaaffii muddaa tahee jira,Mootummaan wayyaanee hidhaa fi himata shororkeessummaan gaaffii mirgaa ukkaamsuu kan bare Waarshaa Sukkaaraa Tandaahoo waraanaan marsee eegaa jira.Diddaan hojii dhaabuus waarshaa kana keessatto raawwatamuu fi diddaawwan wal fakkaataan waarshaa Sukkaara Fincaaaa fi Ease industrial Zone keessatti raawwatamuun ni yaadatama.

No comments:

Post a Comment