Saturday, August 3, 2013

Godina Arsii aanaa Kofalee bakka Waabee jedhamutti diddaan uummata Oromoo qindaawaan mootummaa wayyaanee mudate‏

Hagayya 03,2013 Gabaasa Qeerroo Kofalee
OromiaALutaContinua2011FDG
Akka gabaasaan Qeerroo godina Arsii aanaa Kofalee irraa addeessutti, Hagayya 01 ,2013 irraa kaasee hanga gabaasaan kun qindaawetti diddaan uummata Oromoo mootummaa Wayyaanee irratti daran jabaachuun Godina Arsii aanaa Kofalee bakka Waabee jedhamutti gaaffii mirga lafaa fi hidhaan dararaan akka Oromoo irraa dhaabbatuuf ummanni kaaseen wal qabatee diddaan ummataa ka’ee jira. Haala kanaan namoota Oromoo sababaa ummata qindeessitan jedhuun Wayyaaneen hiidhaatti guurte battala akka gadhiifaman,gaaffiin Oromoo akka deebi’u jechuun uummatni guutummaan mootummaa Wayyaanee dura dhaabbate.Mootummaan wayyaanee kanaan kan baarage waraana hedduumminaan bobbaasuun diddaa uummataa dhaamsuuf yaalus uummatni gamtaan karaa dhagaan cufuun,Akkasumas karaa konkolaataa itti kutuun diddaa jabaa gaggeessanii jiran.Aanaa Arsii keessatti ilmaan oromoo yeroodhaa gara yerootti maqaa amantii fi miseensa ABOn mana hidhaatti guuramuun kan hammaate yoo tahu diddaan qindaawe mootummaa wayyaanee mudatee jira.Yeroo ammaa kanas kanaan konkolaataa guutuun cufamuun uummatni gamtaan waraana mootummaa wayyaanee dura dhaabbachaa jira.Mootummaan wayyaanees poolisoota federaalaa konkolaataa 4 humna dabalataa gama kanatti erguunis beekamee jira.

No comments:

Post a Comment