Thursday, August 8, 2013

Waamicha Hiriiraa

         Hagayyaa 8, 2013

Jala bultii kabajaa Ayyaana ‘’Eid Al faxir’’ sababeeffachuun Waamicha Tumsa Gamtaa Sabaa fiis ab-lammoota Impaayera Itiyoophiyaa jalatti dararamaa jiran maraaf

Waamicha Hiriiraa
Kabajamtoota lammiilee biyyaa, Sirna kabajaa Ayyaana ‘’Eid Al faxir’’ kanarrtti lammiileen biyyattii marti Sabaan, Gosaan, Amantiin, Kutaan, Naannoon osoo wal duuba hin hafin hiriira gamtaa jabaa Akka gootan hoogganni dhaaba ULFO dhaamsaisaa dabarsa. Lammiileen keenya biyya Ambaa jiraataniis deeggarsa ummata isaaniitiif qaban guutuu Addunyaarratti hiriiraan ibsuu qabu. Biyya keeysaa fii alatttiis dhaadannoolee kanaan gadii qabachuun mormii Mootummaa Wayyaaneratti qabdan mul’isuun barbaachisaadha.
  1. Sirni abbaa irree EPRDF haadiigamu. !!
  2. EPRDF farra guddinaa fii dimokraasiiti. !!
  3. Gaafiin Ummata Islaamaa deebi’uun furtuu mirga Amantiilee hundaati. !!
  4. Shoorarkeessituun wayyaaneedha. !!
  5. lammiileen keenya gaafii mirgaatiif hidhaman haa hiikkaman. !!
  6. Hanga kabajamuun mirgootaa fii Ol’aantummaan Seeraad hugoomutti Qabsoon ittifufa.!!
  7. Biyyi keenya wayyaaneen alatti Shoorarkeessitummaarraa Walaba. !! kkf-
Dhagessissuun mormii keessan ibsuun gaafii belbeltuu yerooti. Gara biraatiin dhaabbiileen siyaasaa mirgaa fii haqa ummataa, Akkasuma walabummaa biyyaatiif qabsoo hidhannoo filataniis yeroo ummanni keenya harka duwwaa diinaan falmaa jiran kanatti yeroo kamuu caalaa cimanii diinarratti fuulleffachuun alatti, Mimmiluquu fii dahoo fagoo tolfatanii baqattoota waliin jiraachuun hafuu qaba. Eegaa kan bara kanaa baga ittiin nu gahe, Kan bara dhufuu oromiyaa walaboomteirratti waliin nu haa gahu jechuun ULFOnd haamsa isaa dabarsa.
Tokkummaan Human. !!
Oromiyaan Ni Walaboomti. !!
KHR ULFO/THBO                     source  (  http://ayyaantuu.com/horn-of-africa-news/oromia/waamicha-hiriiraa/  )

No comments:

Post a Comment