Thursday, August 1, 2013

Godina Harargee bahaa keessatti barruuleen Warraaqsa hedduminaan ummata dhaqabaa jiraa.Maadheeleen ABOs gumaata maallaqaa taasisan

Hagayya 1,2013 Haromaaya
Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa keessatti maadheeleen ABO walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii taaisuun qabsoo bilisummaa Oromoo tarkaanfachiisuuf kan oou gumaata maallaqaa 415(dhibba afurii fi kudha shan) gumaatan.Maadheeleen kunneen gumaata maallaqaa armaan dura taasifamaa tureen waraqaalee dhaadannoo heddumminaan qopheessuun magaala Haramaayaa,Baatee,Awwadaay,Hararii fi Dirree Dawaa keessatti maxxansanii jiran.Waraqaalee dhaadannoo

1. Nuyi mootummaa wayyaanee jala hin bullu
2. ABO kallacha ilmaan oromooti
3. Oromoo qeerroo waliin kai
4. Mootummaan wayyaanee bututeera
5. WBOn gaachana ilmaan oromooti
Kanneen jedhan diimaa magariisa diimaa fi loogoo Qeerroo irratti gochuun hedduumminaan mxxansanii jiran.Balbla Yuunivarsiitii Haramaayaatti waraqaaleen dhaadannoo kunneen maxxanfamuun mootummaa wayyaanee fi jala deemaa campus kanaa kan tahe Saxxeeny kan jedhamu dhiphuu keessa buusee jira.Waardiyootni Yuunivarsiitii kanaas qorannoon rakkifamaa jiru.Yeroo waan kun tahu argitanii dhoksitan jedhamuun gaaffii dabaan rakkifamaa jiru.Qeerroon Yuunivarsiitii kanaa fi naannawa ishee hanga bilisummaa keenya mirkansinu qabsoo itti fufna jechuun addeessanii jiran.

No comments:

Post a Comment