Thursday, August 1, 2013

Miseensotni DH.D.U.O Magaala Dirree Dawaa Oromoonni maqaa ABOn hidhaman akka hiikaman waajjira bulchinsaa Dirree Dawaa gaafatan

Adoolessa 31,2-13 Dirree Dawaa

Dhiibbaan mootummaa Wayyaanee ilmaan oromoo irraan gahu hammaataa dhufuun miseensotni DH.D.U.O Magaala Dirree Dawaa mirga hiree murteeffannaa barbaadna jedhan.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa gara yerootti ilmaan oromoo sababa tokko malee mana hidhaatti ukkaamsaa,Hojii irraa ariiaa turuu irraa miseensotni DH.D.U.O magaala kanaa gamtaan bulchinsa Dirree Dawaa ifaan gamaggammii waggaa irratti dubbachuun mootummaa abbaa irree fi jala deemtota isaanii rifaatii guddaa keessa buusanii jiran.Miseensotni DH.D.U.O
sababa tokko malee bara baranaa kana keessa 200 ol tahan gariin qorannoon rakkamaa turuu fi gariin ammo mana hidhaatti ukkaamsamuu isaaniis ibsanii jiran.Miseensota kanneen mana hidhaatti maqaa ABOn hidhamanii jiran keessaa
1. Ifaa Ibraahim Mohaammed
2. Taammiruu Girmaa
3. Biraanuu Oljirraa
Keessatti akka argaman tuquun iyyannoo isaanii kutannaan qabuun mootummaa wayyaanee rifaatii guddaa keessa buusanii jiran.Mootummaan wayyaanees deebii hatattamaa hin kennu taanaan tarkaanfii mataa isaanii akka fudhatan beeksisanii jiran.

No comments:

Post a Comment