Saturday, August 10, 2013

Duula Duguugmaya Qaccee Dhalootaa (genocide)

     Hagayya 10, 2013
Duulli duguugiisa shanyii kan qaccee dhaloota Oromoo fuulleeyfate ammaas bifa haarayaan geggeeyfamaati jira. Weerarri Wayyaaneen karoorsite kuni akeekni saa Oromoo buqqaasanii onafii qubsuma malee hambisuu, idda saa hortee soomalii qubachiisanii lafa Oromoo Soomaaleeysuu dha. Kana dhugoomsuufis humna addaa kan “Liyyuu Pooliis” je’amuufi hidhattoota naannoo Soomaliitu Ona Qumbii fi Mayyuu qubsuma Oromoo Anniyyaa keessatti bobbaafame. Duulli erga  eegalame torbaan Sadii bira dabre kuni gaaga’ama guddaa qabeeyaafi lubbuu namaatirraan gayaati jira.

Duula guy lamaaf  Qumbii naannoo Minotti  guyyaa lama guutuu 6/23/13 fi  6/24/13  godhameen Oromoo sadi (3) ajjeesanii  lama madeeysan.
7/9/2013  Ona Mayyuu Gaara Walloo  bakka  ja’amtutti  Ganda nagayaan qubatee taa’u, bariisaa osoo ifirraa qubanqabne isaa ciisutti jiru weeraruudhaan  nama 5 (shan)  ajjeeesani  lama madeeysan.
7/14/13-7/21/13  tti  osoo adda hin dhaabin  lafoota  maqaan  akka armaa gadi i kanatti  himamurratti  tarkaanfii  suukanneeysaa  raawwatanii jiru.
Bakkoota Calloo, Qilee, Waldaya Mojoo, culul, Muluqqee,Carfii  fi Dagattu  ja’amaniitti duulli waraanaa July 9/2013 Jalqabame  guyyaa tokko osoo jidduu hin oolin hanga ar’a  August 4, 2013 tti deemaa jira  Weerara kana keeysatti  nama 26  ajjeesanii nama lakkooysaan hedduu madeeysan. Namoota ajjeefaman  keeysaa  namoonni  shan (5) ajjeechaa haalaan  nama suukanneeysuun  ajjeefaman.
Aliyyii jugoo  jaarsa umriin 85  qabanii hidhanii hanga ruuhiin keessaa baatutti uleen osoo tuman ajjeesan.2, Siraaj Rashiid Calloo fii darg  agoota 2 (lama) akka beeyladatti  ciibsanii billawaan gorra’an. 3, jaarsa umriin bara 80 dabalatee, mana keeysatti  alaan itti cufanii ibiddaan guban.
Maraataa tokko ka ala galuu qabanii kuusa boqqolloo keeysatti darbanii ibiddaan gubanii ajjeesan.
Mucaa xiqqaa ganna lamaafii baatii Afurii yeroo isaan ganda weeraran  kan haadhaan adda bahe qabanii ibidaa bobeeysanii keeysatti darban; garuu osoo inni hin du’in  namni biraa dhaqqabee keeysaa fuudhee amma hospitaala magaalaa  Harar jira.
Nammoonni  rasaasaan ajjeefaman bakka fii  guyyaan akka asitti aanu kana:
GuyyaaMaqaaBakka
7/9/2013Muhammad YuusufGuuled Gaara Walloo
7/9/2013Ibraahim HeenooGaara Walloo
7/9/2013Ahmad Jiillee sheek MuusaaGaara Walloo
7/13/2013Rashiid IimaanYuuddo
7/24/2013Abdulwaajib IdirisWaldaya Mojoo fii Culul
7/24/2013Abdii Yuusuf BaatiiAraddaa QILEE
7/24/2013Abdii Jibraa’il  AliiAraddaa QILEE
7/24/2013Ahmad Yaasin Jibraa’il     AliiAraddaa Qilee
Wanni nama Gaddisiisu guddaan jarri lamaan kun Obboleeyyan.
7/28/2013Ibraahim Ahmad MuhammadWaldaya Mojoo fii Culul
7/28/2013Hassan Bayaan  KaliifWaldaya Mojoo fii  Culul
7/28/2013Mahmuud Habiib  AliiWaldaya Mojoo fii Culul
7/28/2013Ahmad Aadam TuquraaWadaya Mojoo fii Culu
7/28/2013Muhammad  Abdullaa IbraahimWaldayaa Mojoo fii Culul
7/13Aliyyii JugooMiidhagaa Lolaa
7/13Siraaj Rshiid CallooMiidhagaa Lolaa
08/01/13Abdalla Muhsin Dura taa’aa Araddaa GabiibdaaAraddaa Gabiibdaa
08/01/13Mahmuud  XayyibGabiibdaa
08/01/13Aiyyii Xayyib jarri lamaan kuniis obboleeyyaniGabiibdaa
08/01/13Usmaa’il  MisbaahGabiibdaa
Haawaa Abdii Bareento  Dullattii  mana  keeysatti  gubaWaldya Mojoo fii Cul

Warra ajjeefaman keessaa Namni  6  maqaan isaanii hin beekkamne.
Kana malees, midhaan ummanni keenya oomishatee uudatti galfate ni guban. Kuniis ummanni sun lim’ata dhabee beelaaf akka saaxilamu gochuu dha.
Beeyladaa  ummanni qabu gaallan, saawwan, Re’eeleefi Harreelee  ni a’an; ni (saaman)
Ummanni ona Mayyuu gochi hamaan irratti raaw’atame kuni July 19/ 2013   hiriira bahuudhaan diddaa wayyaanee fi  Soomalii gocha kana raaw’achaa jiranirratti qabaniifi waan itti dhagayame  ibsatanii  jiru
Kan Soomalii (warra  killil 5ii)  qopheeysee qindeeysee isaanirratti bobbaase  wayyaanee tahuuBulchiinsi naannoo Oromiyaa  ni dide;  dura dhaabbatee falmatuuf mirga  kan hin qabne waan taheef ummanni gaafiilee armaa gadii  tana  dhiheeysanii  jiru:
  1. Soomaloonni  magaalaa tana taa’anii  isaanii  basaasaniifii  logistic waraana  kanaaf  erguuf  haala mijjjeeysaniif  akka nurraa bahan.
  2. Daangaa keenya  nuuf  haa  kabajamu
  3. Qawween xixiqqaa fi gurguddaan, Rasaasnii fii  Logistic iin  akka  soomaliif kennamuu nuufis  haa kennamu.
  4. Soomaliin  daangaa keenya  caphsitee  lafa teenyarraa nu buqqisaa jirtu hatattamaan akka biyya teenya  keeysaa baatu.
  5. Nutiis daddaffiitti  qubsuma teenyatti  deebinee  eeggumsi  barbaachisu  akka nuuf godhamu bulchinsa Oromiyaatiifii mootummaa fidraalaa  gaafanna.
  6. konkolaataan tokkolleen isaan keeysa  deemee  Liyuu police fii waraana killilii 5 ( shanii)tiif  waa geeysuu  akka hin dandeenye.
Balaa Wayyaaneen ummata Oromoorratti geggeessaa jirtu dhaabuu fi Oromoos gaaga’amarraa eewaluuf maal gochuu dandeenya?  Oromoonni baqaafi godaansaan biyya alaa keessatti faffacaanii jiraatan waan armaan gaditti tarreeffame gochuu qaban.
  • Ilmaan Oromoo biyya qubatanii jiraatanirraa Xalayaa balaaleeffannoo barreessanii     gara waajjiroota kanatti aananii erguu: Waajjira Mirga Namoomaa kan Mootummoota Waltahanii (UN Human Rights Office)  Amnesty International, Human Rights watch.US President , EU.
  • Ilmaan Oromoo bakka jiranitti maqaa hawaasa isaaiitiin walyaamanii walgahanii marihatanii hiriira sagalee saanii ittiin dhageeysisan qopheessuu
  • Mediyaan Oromoo hundinuu sagantaa hubannoo ummataa  cimsan  qabaachuu;  haga rakkoon tuni furmaata argattuus itti fufuu.  Kuni Manneen Paltalk Oromootis ni dabalata.
  • Hayyoonni, Beektoonni Oromoo barruulee dhimma kana fuulleeffatanii duguugmaya qaccee dhalootaa garanaan geggeeffamaa jiru saaxilan afaannan gurguddaa addunyaatii barreessuu; dokumentarii  qopheessanii tamsaasuu, conference marii qopheessuu
  • Artistoonni Oromoo aartii dhimma kana ibsu qopheessuu ( wallee baasuu, walaloo, diraamaa, qopheessuu; postaroota maxxansiisuu
  • Jaarmayoonni Amantii (Masgidoota fi  Mataskaanoota) hundatti Waaq kadhachuu
  • Ummata lafa isarraa buqqa’e, Maatii qabeenyi isaanii saamame,gubameefii namoonni irraa wareegaman hatattamaatin dhaqabuu.
Tarkaanfiilee kana fudhannee balaa hawaasa Oromoorratti bargaafate kana faccisuufi hanqisuuf haa tattaafannu.    source  (  http://ayyaantuu.com/horn-of-africa-news/oromia/duula-duguugmaya-qaccee-dhalootaa-genocide/  )

No comments:

Post a Comment