Tuesday, August 6, 2013

Wallagga,Anifilloo Keessatti Oromoonni Qabeenyi isaanii mootummaa Wayyaanee mancaafame qorqalbiin miidhamuu gabbaafame

               Hagayya 07,2013 Anfilloo
Qonnaan bultooti godina Qellem Aanaa Anfilloo keessaa heddumminaan mootummaa Wayyaaneen dirqisiifamanii qabeenyaa fi qe’ee isaanii irraa buqifamuu fi kanneen mirga falmatan ammoo guutummaatti hidhaatti geessuun dararaa akka jiran beekamaa dha. Namoonni hedduun qabeenya isamamanii fi buna baroota dheeraaf akakilii irraa hanga ilmaaniitti wal dhaalchisaa dhufan guutummaatti humna Wayyaaneen ciramee lafti isaanii alagaatti gurguramaa jira haala kanaan Oromooti bakkatti galan dhabuu fi ilmaan isaanii waan nyaachisan dhaban dhibee gara garaaf saaxilamaa akka jiran,bakka deeman dhabanii godaantee kallattii dhabde ta’aa jiru.

Haala kanaan baratooti Oromoo kolleejjii adda addaa irraa barataa turan boqonnaa yeroo gannaaf qe’ee fi maatii isaaniitti galan keessaa heddumminaan warraa fi qe’ee bakkaa dhabuu irraan dhukubaaf saaxilamanii bakkatti waldhaanaman dhabanii joonjeetti galanii akka jiran gabaasi qeerroo Anifilloo irraa addeessa. Kanneen kunis:-
1. Gurmeessaa Baalchaa-Dhalootaan Anfilloo ganda Garjeedaa
2. Alamuu Sirneessaa- Dhalootaan Anfilloo ganda Garjeedaa
3. Geetachoo Maammoo- Dhalootaan Anfilloo ganda Garjeedaa
4. Sh/Husseen Abdallaa- Dhalootaan Anfilloo ganda Alakuu Masaraa
Kan lubbuudhaan of ajjeesse ammoo
Taarikuu Maammoo dhalootaan Anfilloo ganda Suddii kan jedhamuudha.
Kan hedduu nama gaddisiisu qabeenyaa isaanii dhabanii sammuu isaaniis akkasuma lubbuu isaanis dhabani. Ammallee teenyee ija keenyaan hin ilaallu jechuun barattooti hedduun ona kana irraa bakka biraatti godaanaa jiran hedduu akka tahan gabaasaan ona kana irraa nugahee jiru addeessa.

No comments:

Post a Comment