Monday, August 26, 2013

Qophii England Oromo Community


Qophiin England Oromo Community gaafa guyyaa 20/08/2013 milkiin xummurame jira. Kaayyon sagantaa kana filannoo koree hojii gaggeessitu filachuu yoo ta’u , dabalata bareedina aada faaru alaaba fi aada oromotin babareede oole.
Miseensi England oromo community mirga biyya isaatti sarbame, biyyaa jiraatu keessatti kan isaaf ta’uu ba’ee gammachuun filachuu isaa miseensa irraa hubatamee jira. Mirga biyya ormaa keessatti arganne kana, qabsoo gootota oromo fi tokkummaa oromotin falmannee biyya Oromia keessatti ummani kan isaaf ta’u akka ba’ee filatu miseensi community dhaamsa dabarfatee jira. Guutuu qophii kana VDO irratti akka siniif dabarsinu wada sinif gala, hagasittu suura kanani akka gammadan abdii qabna.

No comments:

Post a Comment