Wednesday, August 14, 2013

Naannoo Benishaangul Gumuzitti hojjettootni Investimentii qonnaa Hindootaa hojii dhaaban

Hagayya 14,2013 Asoosaa

Garboomfataan mootummaa Wayyaanee hojjetoota guutummaa biyyattii miindaa gad aanaan hojjechiisuu irraan darbee hojii dhabdummaa fi qaalainsi jireenyaa hammaachaa kan dhufe yoommuu tahu,diddaan hojjettootaas daran jabaachaa jira.Haalli kunis daran jabaachuun Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkaal aanaa Daangur bakka Qoxaa jedhamu keessaa hojjettootni investimentii qonnaa
Hindii tahan dabalinsa miindaa gaafachuun hojii dhaaban.Mootummaan wayyaanee hojjettoota kana dura dhaabbachuuf waraanaan yaalus hojjettootni nuyi alagootaaf hojii hin hojjennu jechuun dhaabanii jiran.Hojjettootni kunneen gaaffii mirgaa dhiyeessaa kan turan bubbulus hindootni kunneen deebii gahaa kennuu fi tuffachuu dhabuu irraa hojii dhaabuun oomishni qonnaa dhaabbatee jira.Diddaan wal fakkaataan guutummaa Impaayera biyyattii keessatti hammaachaa dhufuun isaas beekamee jira.

No comments:

Post a Comment