Wednesday, August 7, 2013

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Godina Dhihaa Oromiyaa

Duguugginsaa sanyii (Genocide ) Oromiyaa keessaatti Ummataa Oromoo irraatti gaggeeffamaa jiruuf mootummaan nannoo Oromiyaa fi Federalaa Wayyaanee adda durummaan itti faafatamummaa jalaa hin bahan.

Oromiyaa keessaatti yeroo irraa gara yerootti duulli duguuginsa sanyii mootummaan Wayyaanee U/Oromoo irraatti fudhachaa jiru jabaatee itti fufaa jira. Hagayyaa 3/2013 Godina Arsii Lixaa aanaa Kofalee fi nannoo sanatti uummata Oromoo nagaa hordoftoota amantaa Muslima gaaffii mirgaa karaa nagaa waggaa lamaa oliif gaaffaachaa
jiruu irraatti humna ittisa biyyaa waraana bobbaasuun yakkii ajjeechaa ilmaan Oromoo namoota 20 ol irraatti raawwatee jira, ajjeechaa jumlaa Ummataa Oromoo nagaa irraatti gaggeeffaamaa jiruuf itti gaafatamaan mootummaa nannoo Oromiyaa ofiin jedhuu fi mootummaa Federaalaa Wayyaanee EPRDF ta’uu Qeerroon ibsa ajjeechaa jumlaa ummataa Oromoo Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofaleetti waranaa Mootummaa EPRDF’n fudhatame ilaalchisuun baaseen hubachiisee jira. Mallattoo mootummotaa abbootii irree keessaa inni guddaan uummataa isaaniin mormu humna waraanaa of harkaa qaban itti bobbaasuun kallaattiin dhukaasaanii ajjeessuudha, mormitotaa sirna isaanii dhabamsiisuu dha, kanaaf Ethiopia keessaatti Minilik, Hayilee Sillaasee, Darguu,fi mootummaa EPRDF Wayyaaneen ammaa angoo biyyattii afaan qawween dhuunfatee jiruu fakkeenyaa gaariidha.
Keessaattuu ajjeechaa suukkaaneessaa Hagayyaa 3/2013 Godina Arsii Lixaa aanaa Kofalee fi nannoo isheetti uummata Oromoo nagaa hordoftoota amantaa Muslima gaaffii mirgaa karaa nagaa gaaffaachaa jiruu irraatti humna ittisa biyyaa waraanaa bobbaasuun ummataa meeshaa maleeyyiitti waranaa bobbasuun ajjeechaa jumlaa uummataa keenyaa irraatti raawwatameef mootummaan nannoo Oromiyaa fi Federalaa wayyaanee itti gaafatamuu qabu. uummaanni kumatti lakka’amuu jumlaan mana hidhaatti darbamee jira. keessaattuu mootummaan nannoo Oromiyaa namoota sadii qofatu du’ee jedhee karaa foddaa TV isaa amanee, kaan haalee jiraachuun itti gaafatama jalaa kan isaan hin baasnee ta’uu ni hubachiifna.

No comments:

Post a Comment