Thursday, August 1, 2013

Mootummaan Wayyaanee waraana isaa keessaa addatti Oromoo kanneen tahan mana hidhaatti guuraa jiraachuun gabaafame.

Adoolessa 31,2013 Finfinnee
Diina irraa silas gaarii akkuma hin eegne abbaa irreen mootummaa Wayyaanee poolisoota federaalaa ilmaan Oromoo tahanii fi humna ittisa biyyaa keessaa addatti funaanuun mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Ilmaan Oromoo kanneen bara 2004 leenjifamuun gara raayyaa ittisa biyyatti makaman addatti isin dabballoota ABOti jedhamuun qorannoo dhagaan rakkifamaa jiran.Kannneen hidhamanii jiran 102 tahuu yeroo gabaafamu warreen adda durummaan maqaa ABOn yakkaman keessaa Ilmaan Oromoo

1. Tasammaa Tarreessaa ittisa biyyaa keessaa kan hojjetuu fi dhalootaan shawaa lixaa
2. Galataa Mijanaa Poolisii federaalaa dhalootaan Horroo Guduruu
3. Misgaaanuu Olaanaa ittisa biyyaa dhalootaan shawaa bahaa
4. Lammii Balaay dhalootaan Shawaa lixaa kan tahee fi ittisa biyyaa
Kanneen jedhaman yeroo tahu halli kunis daran hammaachaa kan dhufee fi yeroo ammaa mootummaan guutummaan waraana isaa irraa amantamummaa dhabaa jira.Ilmaan Oromoo teeknikiidhaan ittisa biyyaa keessaa hojjetamanis maqaa BPR dhaan qorannoon rakkamaa jiran.Mootumaan Wayyaanee kufaatii isaa calaqqisiisaa kan jiru wareegama kamuu kaffallee galii ummata keenyaa bakkaan ni geenya kanneen jedhan raayyaa mootummaa Wayyaanee keessaa hedduminaan dhagahamaa dhufaa jiraachuun beekamaa dha.

No comments:

Post a Comment