Monday, July 22, 2013

Diddaa Qotee bulaa Oromoo Daran Jabaachuu Irraan Hidhaan Wayyaanotaa Hammaate

Adoolessa 22,2013 Finfinnee

Dhiibbaan mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo irratti gaggeessaa dhufe daran jabaachaa kan dhufe Godina Shawaa bahaa aanaa Adaaa Bargaa keessatti gaaffii mirgaa qotee bultoota oromoo irraa isa mudate dura dhaabbachuuf qotee bultoota Oromoo mana hidhaatti guuraa jira.
Qotee bulaan Oromoo galmee Tarreessaa Daadhii jedhamu jalatti hidhaman 14 isin akeeka ABO galmaan geessisuuf hojjetu sababaa jedhuu ukkaamsanii hidhamanii jiran.Qotee bultootni Horroos hidha laga Nasheen kan wal qabate gaaffii mirgaa beenyaa gaafachaa kan turan yoommuu tahu yeroo ammaas gamtaan bulchinsa Godina Horroo Guduruu gaafachuun akka gaaffii gaafatan hatattamaan deebiuuf ggaafatanii jiran.Mootummaan Wayyaanees diddaa qotee bultoota irraa itti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf yaaddoo jabaa keessa seenee jira.

No comments:

Post a Comment