Monday, July 22, 2013

Hawaasi Oromoo Afrikaa Kibbaa Wagahii Dhaabi G7 Maqaa Ethiopian Qopheesse Irratti Kaayyoon Oromummaa Maal Akka Tahe Ibsuun Mooraa Qabsoo Oromoo Tiksan

Walgahiin G7 maqaa “Ethiopian community of South Africa” tiin qophaawe kan ” MARII GUDDAA HAALA ITOOPHIYAAN AMMA KEEYSA JIRTU FI DHIMMA ABBAYYA ” Jedhu Adoolessaa 21 2013 sa,aa 3:00pm-10:00pm kan deeme yammuu tahu Namoonni walgahicha irratti argaman,
1.Professor MINGA NEGASH ,
2.Professor MAMO MUCHE yammuu tahan
3.Dr.Dima Nogo German Frankfort irraa Skypen
4.Profssor BIRANU ABAGAZ Amerikaa irraa Skypen
5. Ato Kidane Alamayo Amerikaa irraa Skypen
Dabareen waa’ee ITOOPHIYAAN takka lama hin taatu, jedhuufii gaaromina abbootii isaanii warra akka Minilik fii kkf faarfataa Itoopiyaan biyya seenaa GUDDAA qabduufii falaasafa cimaa fii gadi fagoo irratti jaaramte tan yaada dhiphaa sabaafii sablammii jedhuun diigamtuu akka hin tahin bookkisaa turan.
Obbo Diimaan gama isaaniin gadfageenyaa dhimmoota Oromoo fii haala yeroo ammaa ummanni keenya keeysa jiru tuquu baatullee hamma tahe Seenaa Oromoo dabre fii Oromoon mirgadhablee taheem jiraatuu hubachiise. kuniis maaltu abdii fii hamilee warraaqsaan akka dhimma keenya dubbatu isa dhoorke gaafii jettu hirmaattoota Oromoo walgahicha akka walgaafatan godhullee waan Habashoonni haasawaa oolaniin hedduu waan waldhabuuf sabboontoti Oromoo achitti argaman qaanfachiifna jedhanii itti qophaawanii taa’anilleen yaada isaanii liqimsanii gara Habashootaatti deeffatan.
Oromoon Afrikaa Kibbaa jiran dhimma cimaa Oromummaa fii Oromiyaa akkasuma seenaa sabichaa irratti badaalee dur keeysa deebi’ee waraanu kana tokkummaan dura dhaabbatanii seenaa Oromoo kan dhugaa fii mamii hin qabne yaadachiisuun seenaa dharaa kan Habshoonni dhugaa dabsanii dhara dhugaa fakkeeysuun tokkummaa sobaa addunyaa fii sabaafii sablammii Itoophiyaatiin dhamaasaa turanii fii jiran dhaabanii dhugaan yoo kan hegeree biyyattii fii nagaya waaraa barbaadan taate mirga Ummatootaa abbootiin isaanii sarbaa turan akka ol’aantummaatti ittiin boonuu dhiisuun dhiifama gaafatanii Kara fuuladuraatti akkamitti walqixummaan Saba,Sablammii fii namtokkee itti eegama?
Sirna impaayerummaa diignee akkamitti sirna dimokraasii dhugaa irratti hundaawe akkamitti Ummatoota kaleeysa miidhaa turre kana waliin jaarrannee nagaan jiraanna?
Araaraa fii sirna nagaa fidu tokko akkamitti jaarra yoo hin jedhin ammallee dogoggora kaleeysaa irraa baratuu dhabuu keeysan nutti agarsiisaa jira waan taheef,

Seenaa Oromoo fii waan Oromoo baasu oromumaatu beeka waan taheef murnoonni yartuun Oromoo bakka buunaa ja’anii abdii hin jirre isinii kennaa jiran yoo jiraatan akka Saba Oromoo bakka bu’uudhaan dhimmoota Oromoo dubbatuu hin dandeenye afaan tokkoon waltajichaaf akeekame.
Dhumarratti waltajiin kan Oromoo tahuun Professoroonni isaan afeerratan kan qaamaan achitti argaman morma isaanii gadqabanii dhimma hagana cimaa kana waltajjii takka fii sadarkaa kana irratti fayyaa fii furmaata argamsiisuun akka hin dan’amne amanuun marii dhawaataa akka barbaachisu eeranii mataa raasuu akka sa’a mataa keeysa dhawamee ija isaanii shukkuumataa baha.
Waltajicha keeysaa kan Nama gammachiisu,
1, Namoonni Oromoo achirratti argaman hundinuu dhimma kanarratti yaadaan tokko qabu.
2,Karaa amantiillee Oromoon dachaa miidhamuu isaa warreen Oromoo tahanii amantii bakka bu’anilleen kana ibsatuudha.
3,Warri qaama jijjiramaa jechuun Habashoota jalatti ijaaraman tkko tokkos walgahicha irratti afeeramanilleen osoo hin hafin furguggee kanaan dhawamnaan nuti bakka yaadaa fii qaamni Oromoo jiru jira jechisiifaman.
4,Oromoo community of South Africa ” Waldaa Oromoo Afikaa Kibbaa waan kana dura bu’iinsaan gochaa farrummaa Oromoo kan Habashootaan geggeeyfamaa jiru kana itti dammaquun tokkummaa kaayoo Oromummaaf dhaabbatan.
Gabaamumatti Walgahiichi Kan G7n tahuu irra kan Oromooti yoo jenne bareedaa ture.

Hawaasa Oromoo Afirkaa Kibbaa
I.U.Of!!
Read More:-

No comments:

Post a Comment