Monday, July 22, 2013

Walaloo: Roobaa


Roobaa

Gaafa qabsoon haddhoofte
Roobaa, ati Arsii hoggantee
eeboofi gaachana qabattee
diina meeshaa Aurophaa hidhate
kokkee qabdee- boqonnaa dhorkattee
falmii ati bara sani goote
seenaan hin tasa daganne.

Roobaa!
Gaafas, gaafa carraan dudda sitti gattee
gaafa haqni dabdee, bilisummaan cabe
Eyyee gaafas, dhaamsa ati dhalootaaf dhiifte
Seenaan tasa hin daganne, dachiinis hin dhoksine

Roobaa
Gaafa xiiqii san, dachiitti quba qabdee
Onaattee, jagnumaan, kan ati dubbatte
Kunoo akkas jettee;
“lollee hin mo’amnee
lubbuus hin laalannee
meeshaa ammayyaan caalamne
Kanaaf galma hanqanne;
yerootu dudda nutti gate
humna cunqursaaf loogee”
jettee, kan ati dubbatte
dachiin tasa hin dhoksine

Roobaa
Onnattee … ijbaattee … marabbaa gudunfattee
Rajii ati rajjee, Fagootti ilaaltee
Gaafas kunoo akkas jettee;
“halkannis dorrobaa, yeroon kunis ni darbaa
guyyaan tokkoos diddechee ni dhufaa
sababi kufaatii keenyaa– har’aa
meeshaan inni kan ammayyaa
Gaafas ilmaan keenya niga’aa
Egaa falmii inni walqixaa
gaafas haalaan ni geggeefama
Dhugaa baddetu galaa”
jettee kan ati dubbatte
dachiin tasa hin dhokisne.

Robbaa
Har’a osoo kaatee
Kaa itti jirru argitee
Silaa maal jettamee?



_______________________________________________________



Roobaan goota gameeyyii Oromoo horate keessaa isa tokko ture. Bara weerara waraana Miniiliki Roobaan Oromoo Arsii, hogganee falmii seena qabeessa taasise. Kan inni ittiin lole meeshaa waraanaa aadaa (gaacanaafi eeboo) yoo ta’u kan gartuun Miniiliki hidhate garuu meeshaa ammayyaa warra Auroophaa irraa gagaarsan argate ture. Kanaaf Roobaan mo’amuuf dirqame. Gaafas dhalootaaf dhaamsa guddaa dhiisee wareegame. “Har’a meeshaa amayyaa waan of harkaa qabdaniif injifannoo argachuu dandeesanittu. Hata’u malee meeshaan ammayyaa kun bara tokko ilmaan keenya harkas ni gala. Gaafas bilisummaan keenya ni dhugooma” jedhee dhaamsa dabarse.     Source ( http://gadaa.com/oduu/20905/2013/07/22/walaloo-roobaa/ )

No comments:

Post a Comment