Thursday, July 18, 2013

Korri Gamtaa Kutaalee ABO Godiina Awurooppaa Milikiin Xumurame!

Adoolessa  29 , 2013        
Korri Gamtaa Miseensota ABO kutaalee Awurooppaa milkiin xumurame
Korri gamtaa miseensota ABO kutaalee Awurooppaa, Kutaa Iskandanaaviyaa, Kutaa giddu
galeessa Awurooppaa fi kutaa UK waliin magaalaa Oslootti gaafa Adoolessa 28-29, 2013
gaggeeffame milkiin xumarame.
Kora kana irrattis, miseensota ShG GS ABO J/Abbaa Caalaa Lataa, J/Dr.Dagafaa Abdiisaa fi
miseensota GS ABO J/Dr.Shuggux Galataa, J/Aster Gammadaa fi J/Jireenyaa Ayyaanaa kan
irratti argamani yommu ta’u miseensi ShG ABO J.Abbaa Caalaa Lataa haala yeroo ammaa irratti
ibsa bal’aa kennanii jiru. Ibsa kana irrattis haala dhaabni keenyi keessa jiru irratti miseensoliin
ABO gaaffii fi deebii akkasumas marii jabaa gaggeeffatanii jiru.
Marii kana irrattis egeree dhaaba kenyaa jabeessuuf haalli amma keessa jirru yeroo kamuu
caalaa cichoominaa fi of-kenniisa dachaa akka gaaftu beekuun jabina qabnu jabeeffataa fi laafina
qabnu fooyyeffachaa hiree dhufu itti dhimma ba’uuf jabinaan akka hojjetamuu qabu
miseensoliin, qondaalonnii fi Hogganni akka murannoon itti bobba’an wal hubatnoo irra
gahame.
Marii bal'a erga gaggeeffatnee booda nuti miseensoliin ABO kan kora gamtaa miseensota ABO
kutaalee Awurooppaa, Kutaa Iskandanaaviyaa, Kutaa giddu galeessa Awurooppaa fi kutaa UK
kora kana irratti argamne ibsa ijjenoo armaan gadii baafachuun kora keenya milkiin xumurannee
jirra.
• Gaaffiin saba Oromoo akka deebi’uuf hojii dhaabi keenyi biyya keessatti hojjetu, ijaarsa
jaarmiyaan dalagamu cimsinee ni deeggarra, akksumas ga`ee nurraa eegamu mara ni
baana.
• Haala walxaxaa gaanfa Afrikaa keessa jiru, haala rakkisaa fi sabatiinsa hin qabne keessatti,
haala humni addunyaa ilaalcha guddaa itti kennee hordoffii cimaa keessa jiru keessatti,
ABO itti fufiinsaan qabsoo saba Oromoo gaggeessuun gaaffii saba Oromoo xumura itti
tolchuuf tattaafatamu ni dinqisiifanna, Tattaaffiin Qabsoo hidhannoo fi dipilomasiis haga
gaaffiin Oromoo sirnaan deebi'utti jabaatee akka itti fufu qooda nurraa eegamu ba'uuf
qophii ta'uu keenya mirkaneessaa, waadaa keenyas ni haaromsina.
• Tokkummaa gurmuu qabsaa`oota Oromoo jabessuuf tattaaffii hogganni keenyi godhu ni
deeggarra, akksumas fiixaan ba`iinsa tattaaffii kanaaf ga`ee keenyaa akka baanuu fi
dirqama nutti kennamu raawwachuuf qophii ta'uu keenya mirkaneessina. Hoogganni
keenyi akka jabinaaan irraati hojjetee mooraa ABO kan mirga hiree murteeffannaa fi
bilisummaa saba Oromoo irraa waakkii hin qabne bakka tokkotti qabee qabsoo Oromoo
of dura tarkaanfachiisu fi abdii fi hawwii keenya ta'e dhaamanna.
• Fira qabsoo keenyaa hedummeessuu fi diina hiri`isuu tattaaffii tumsaa ABO raawwatu ni
deeggarra, akka daran jabaatee irratti hojjetamuuf qabsoo tin'isus ni dhaammanna.• Humna gurmuu qabsoo uumataa fi saba Oromoo keessaa fi alaan facasuuf dalagani mara ni
balaaleffaanna. Dhaaba keenyas humnoota farra qabsoo kana irraa ittisuuf dirqama
nurraa eegamu mara ni baana.
• Sanyii duguuggaa mootummaan abbaa irree wayyaanee kan Uummata Oromoo fi
uummattoota biroo irratti raawwachaa jiru cimsinee ni balaaleffanna
• Maqaa investimentiin lafa Uummata Oromoo akka qircaatti gurgurachaa jiru ni balaaleffanna.
Ummatni Oromoos qabeenya isaa akka tola gadi hin dhiisnee fi falmatu dhaammachaa
tini'sa feesisu kennuuf qophii ta'uu keenya ni hubachiisna.
• Summii maqaa investimentiin qe’ee fi lafa Oromoo hammeessan, kan naannoo Oromiyaa
keessatti bal'inaan faca'aa jiru fi gaaga’ama lubbuu fi qabeenya uumamaa irraati
gaggeefamaa jiru akka shaffisaan dhaabbatu akeekkachiisna, gaafatama lubbuu fi
qabeenya naannoo irratti gahuufis gaafatamaan Wayyaanee fi ergamtoota ishee ta'uu
hubachiisna.
• Mootummaan wayyaanee uumattoota olla Oromoo jiran hidhachiisuun lola adda addaa
raawwatan ni mormina, ni balaaleffanna. Badii lubbuu, qabeenyaa bahee fi manca'eefis
gaafatamaan mootummaan Wayyaanee ta'uu addeessaa ummattootni bara dheeraa waliin
jirachaa turani akka shira gatii hin qabne kan keessatti hin hirmaatne dhaammana.
• Uummatni Oromoo biyyaa keessaa, biyya ollaa fi biyya alaa keessa jiraattaniif kan qabsoo
bilisummaa saba keenyaa bakkaan ga'uu danda'u ABO waan ta'eef akka ABO cinaa
hiriirtanii qabsoo saba fininsuu fi xumura itti tolchuuf akka waliin hiriirru waamicha
isniif dhiyeessina.

Injifannoo Ummata Oromoof!            OLF Union Conference   In Europe Region held at Oslo, Norway.
 The  above mentioned conference organized by Europe region OLF UNION conducted for two consecutive days from 28/06/2013 -29/06/2013 in Oslo.
On this conference, the high ranking and top OLF political officials and the members of central executive   committee were among   the participants.
Among those Mr. Abba Caalaalataa, who came from Eritrea,Asmara OLF main office and  Ms.AsterGammada  from German, Berlin  OLF Europe region Office and Other  three whose their names  are   mentioned below are  also among the members of OLF central executive committee who were participated and attended the conference.
1.       Dr.  Dagafaaabdiisaa
2.       Dr. ShugguxGalataa
3.       Mr. JireenyaaAyyaanaa
The conference was opened by the blessing of the Oromo elders according to the Oromo culture.
AbbaaCaalaaLataa (the brother of the former Leader of OLF,LeencooLataa)  has presented  the agendas of the conference  in  the wide range  concerning the current situation, issues and affairs of the Organization for the house.
The members have raised several suggestions, comments and questions on the raised matters and widely discussed on the affairs and finally reached on the following consensus.
1.       Our current political situations   are encouraging and it requires more commitment to foster our strong side and improve the weak side we have come up with.
2.       The leaders and members should cooperate and hard work in harmony and in line with the organizational goal and objective to tackle future shortcoming.
We as a member of the OLF have winded up the conference with the following Political stand statements
1.       We will strongly work hard as a member   and struggle in supporting and movement made to seek the answer of the depraved Oromo nation I Ethiopia and in abroad as well.
2.       We will strongly commit to continue our struggle until   the Oromo’s political, social and economic questions get answered.
3.       We strongly urge and condemn the inhuman treatment and mass killings (genocide) happening on the and forceful evictions of the Oromo  and  other  People  from their own land  in the name of investment in Ethiopia by the EPRDEF dictatorial regime.
4.       And the likes are among   our political stand statements we have concluded the conference.







No comments:

Post a Comment