Sunday, July 28, 2013

Mirga Keenya, Irree Keenyaan Deeffanna

Y.G(2005)
Addunyaa kana irratti, Bilisummaan tolaan argame gonkumaa hin jiru. Hundumtu wareegama qaqqaalii ijoolleen isaanii gara kuteenyaan kaffalaniin Injifannoo gonfatan. Mirgi kan sarbamu abaarsaan miti. humnaanii. dhiiga Ummata gabrummaa jala tursu barbaadan sanii dhangalaasaniiti.
Qabeenyaa saamuuf jecha, hammeenya gara jabiinaa dhala namaa irratti hin raawwatamiin irratti raawwatanii nama gabroomsan. Addunyaa kana irratti tokko isa tokko liqimsee jiraachuuf lubbu galaafata. Nama gabroomsuuf falli jiru kana qofaadha. Kan gabroomsuu barbaadan gama hundaan laamshessanii cabsan. Warri bara amma kana nu gabroomsan, siree tolaa irra nu ciibsanii ykn nu kunuunsanii miti kan gabrummaa jala nu jiraachisuuf tattaafatan.    

– Read the Full Article (pdf)

No comments:

Post a Comment