Saturday, July 20, 2013

Hoggana haaraa,Yoom,akkamittii fi gaaffii eenyuun??

MIILA LAMA QABAATANIIF , MUKA LAMA HIN YAABAN
DHIDHIIBBAAN HALAGAA, LAMMATA CABUUDHA
Y.G(2005)
barruu
Mata dureen barruu kiyya haraa lamadha. Tokko firaaf, tokko diinaaf. Waggoota dheeraaf mooraa qabsoo Oromoo keessatti waan mulatu hundaaf , sababaan Hogganaa jedhamee kauun dhagaa. Hogganoonni Qabsoo Oromoos komee kana of irraa kaasuuf , Hogganummaa irraa kauu akka dandaan dubbachuu isaanii dhagaeera, argeeras. Ani gama kootiin , Hogganoota qabsoo haa geeddaraman, ykn haa kaan, ykn isaantu qabsoo duubatti harkise yennaa jennu, akka waloottis, dhunfaattis yennaa arrabsinu, salphisnu, Dulloomaniiruu haa kaan yennaa jennu, Namoonni qeeqa kana kaasan, mooraa qabsoo Oromoo akka gaaritti hubatanii ykn xiinxalanii dubbataa jiru ? moo, namni waan jedhuuf afarsaa jiru ? moo , addunyaa irratti waan arginu irraa kaanii , odoo lafaa waa hin qabaatiin ykn sochii tokkollee hin taasisiin lallabaa jiru ? moo, haaluma qabsoon Oromoo itti jiru akka gaaritti qalbeeffannee dubbachaa fi qeeqaa jirra moo, furmaata dhumaatu kanaa jennee dubbannamoo, halgaan isin hogganuu dandeessu jedhanii dantaa isaaniif waan gara garaan waan nu dammaqsaniif dubbannaa ? moo, dhuguma dhaloota haaraa isaan dhaalu qopheeffannee lafaa qabnamoo, namni dhuunfaa hogganoota waliin wal dhabee waan katabee ykn dubbateef waliin dhaabbanna moo, Hogganootuma qabsoo kana kaafnee akka haaraatti of dhaabnaadha moo,.. maal jechuu akka barbaadamu naaf hin liqifamu.        SOURCE(http://qeerroo.org/ )

c

No comments:

Post a Comment