Tuesday, July 23, 2013

Walgahii Ergamtootni Mootummaa Wayyaanee Magaaalaa Edmonton Kanaadaatti Karoorfatan Qabsoo Cimaa Hawaasa Keenyaan Fashaleera!

Walgahii/maree ergamtootnii fi bakka bu’oonni Mootummaa Wayyaanee waa’ee gurgurtaa boondii hidhaa/jallisii laga Mormoriif magaalaa Edmonton Kanaadaatti gaafa Adoolessa 20 bara 2013 gaggeeffachuuf karoorfatan mormii fi dura dhaaabbannoo cimaa hawaasni Oromoo fi miseensonni hawaasota biroo impaayerittii irraa dhufan taasisaniin fashaluu danda’eera.

Bifa qindoomina, sirna naamusaa fi tartiiba qabuun mormii fi dura dhaabbannoo hadhaawaa hawaasni keenya magaala kanaa fi naannoo ishii jiru adda durummaan of kennuudhaan maanguddoo, shamarran, ijoollee/daa’imman, dargaggoo fi ga’eeyyii otoo hin jedhiin heddumminaan hiriiruudhaan gamtaa fi jabinaan taasiseen walgahiin ergamtootaa fi bakka bu’oota mootummaa abbaa hirree Wayyaanee (Qaama Imbaasii wayyaanee irraa dhufe dabalatee) diigamee fashaluudhaan, konkolaattonni isaan ittiin dhufan yeroodhaaf to’annaa poolisaa jala oolanii, deggersa humna poolisaa fi qaama bulchiinsa magaalichaan Autoobisa magaalaa (City Bus) poolisnii fi bulchiinsi magaalaa qopheessetti fe’amanii karaa boroo/dudduubbee galma walgahichaan hari’amanii baqachuu danda’aniiru. Qabsoon hawaasni keenya guyyaa kanatti godhes kan ergamtoota wayyaanee kana qixxaan mormu qofa otoo hin taane sagalee, gaaffii fi kaayyoo haqa isaa fi uummata isaa qaamni poolisa naannoo, qaamni bulchiinsa magaalaa, fi kanneen biroo dhimmi akkasii ilaalus akka hubatanii shoora karaa isaanii taphatan murannoodhaan ifattti tattaaffii jabaa gochuudhaan gurra hawwatee sagalee isaa haalaan dhaggeessifachuudhaan irra aanuu danda’eera.

No comments:

Post a Comment