Monday, July 22, 2013

Kora Gamtaa ABO-Amerikaa Kaabaa bara 2013 July 10, 2013 at 8:46 am · Gadaa.com


RightLeft
LeftRight
982
Korri Gamtaa Adda Bilisummaa Oromoo kan bara 2013 Magaalale Lakkuu Minneapolis fi Saint Paul, Minnesotatti Adoolessa 3-6, 2013tti geggeeffamee milkiin xumuramee ibsa ejjennoo fi kutannooleetiin raawwate.

Koori ABO Amerikaa Kaaba 18ffaan bifa wal irra hin citneen baranas sirna ho’aa fi qophiillee adda addaa kan Magalaalee lakkuuttti deema turan waliin qindeeffamuun kan geggeeffamaa ture Miseensota ABO kutaalee Amerikaa fi Kanadaas dabalate Jaallan Auropaa fi Australia irra argamanis hammatuun dhimmoota Jaarmiyaa, Siyaasaa, Waraanaa, Diplomasi fi akkasumas bifaa waligalaatiin ABOn Qabsoo Bilisummaa Oromoo itti geggessu ilaalchisee ballinaan mari’atuun murtiilee bu’ura dabarfatee jira.
Tartiibni Kora bara kanaa bifa armaan gadiitiin guyya afuriif geggeffamaa ture:
Adoolessa 3, 2013: Guyya Irbaata WBO
Qophi kana irratti tinnisa WBOf godhuu irratti kan xiyyeeffate gurgurtaan Tikeeta bakka addaa addaatti erga godhamaa tureen booda galgala kana keessumoottni 300 ol ta’an argamuun Hoteela Kelly Inn/Best Western keessatti irbaata waliin nyaacha sirna baninsa Kora ABO bara 2013 irratti hirmaatan. Hoogganoota ABO dabalatee keessummaan galgala kana Professor Mohamad Hassan, University of Georgia, Atlanta irra argamani jiru. Dr. Mohamad dhaamsa hayyu haawasichaaf godhan keessatti karaan Bilisumma Oromoo kara ABOn eegale waan ta’eef adeemsa kanas kan xumuruu danda’u ABO duwwaa jechuu daan isa kana humneessuufis dhaabichi bifa haala amma waliin wal gituun of gurmeessee sochi isaas haala quubsaa ta’en qabsicha offuutu irra eegama kan jedhu ture.

Adooleessa 4 fi 5: Walgahii Miseensota ABO
Walgahiin Miseensaa guyyoota lameen kanaaf ballinaan dhimma Jaarmayaa, keessummaa Jaarmayaa biyyaa alaa, Hojii Diploasii fi Waraanaa, Hojii Siyaasaa biyya keessa irratti ballinaan mari’ate murteen dabarfate, Hoogganni ABO hojii bu’uuraa irratti xiyyeeffate jijjirama fi guddina gurra Haawasaa Adunnyaa harkisuu danda’u baafatee irratti bobba’uu qaba, miseensi Dhaabichaammoo tinnisa hojii kanaa dhugoomsuu danda’u hundaaf of qusannaa malee wareegama qabeenyaa fi humnaa kennu qabu kan jedhuun ijoo murtee miseensaa godhatuun Kora miseensotaa xumurate.

Walgahiin miseensa hirmaattota Amerika Kaabaa duwwaa utuu hin taane, Auropaa fi Australia irrallee Jaallan argaman muuxannoo naannawa irraa dhufanii miseensaaf hirani jiru.
Walgahii kana irrattis Jaallan Miseensotni ShG-GS fi Miseensi GS ABO yeroo argaman, Kora Miseensaa kan sirnaan kan banaan karaa daandi Telefoonaatiin I/A-HD-ABO kan ta’an J/Bultum Biyyoo turan. Hoogganootnii qaaamaan argamnis Haala yeroo waligalaa irratti ibsa ballaa kennuun waan hunda irratti miseensa mari’achiisuun Kora kana bifa tasgabbaa’aa ta’een yaadota jajjaboo fi sagalee jajjaboo keessumsiisuun akka geggeffatamu dandeessifamee jira.
Adoolessa 5: Hawwisoo ABO
Guyyaa kana galgalaas Hawwisoon Kora ABO bara kanaa bakka Artistootni Oromoo bebbeekamoon irratti argamanitti galma Hoteela Kelly Inn keessatti hanga ganama keessa sa’a tokkootti (1:00 AM) dhiichisuun sirni bashannaanaa qama Korichaas raawwate.

Adoolessa 6, 2013: Walgahii Ummtaaa/Hawaasa Oromoo
Guyyaa kana Haawasni Oromoo Magaalaalle lakku akkuma yeroo kaanii deggersaa fi mararfatnoo Adda Bilisummaa Oromoof qabu mullisuun bakka Walgahiiti argamuun akkuma Koraa Miseensootaa guyyoota lameen sanaan dura ta’a tureetti haala wali-galaa irratti bifaa yaadaa, gaaffii fi deebiitiin marii dheeraa geggeessuun ammalle itti fufinsa QBO ABOn durmafuuf deggersaa hal-dure tokkollee hin qabnee itti fufee godhuuf murranno agarsiise.

Ibsaa Hooggana ABO dabalatee qophii guyyaa Ummataa kana irratti wa’illaan qabsoo Oromoo ABOn durfamu kanneen akka ONLF bakka bu’oota isaanii kan miseensa Koree Gidduu Dhaabicha dabalatu ergatuu dhaan haariiro UImmata Ogadenii fi Ummataa Oromoo daran cimsuu irratti kan xiyyeeffatee dhaamsa hamilchiisaa dabarfatuun milkii fi injifatnoo QBOtiif qabanis dabarsan.
Guyyaa kana xumura irratti Haawasni Oromoo tinnisa qabsoof kan oolu gumaataa godheen, qophii guyyaa bashannanaa fi gurgurtaa Tikeeta Irbaata WBO dabalate $44,000.00 ol (Kuma afurtamii afur) battallatti hojii qabsootiif argamsiisuun xummurri Kora ABO Amerika Kaabaa 18ffan kan dhufuufis walitti dhaammatuun goolabame.
Injifatnoo Ummata Oromoof!
Koree Qindeessituu Kora Gamta ABO-Amerikaa Kaaba kan bara 2013.

No comments:

Post a Comment