Saturday, July 20, 2013

Miseensota ABO Kibba Afrikaa Bakka Bu’uun Qophii Kadhataa Mandeellaaf Qophaawe Irratti Argaman.

Miseensota ABO Kibba Afrikaa Bakka Bu’uun Qophii Kadhataa Mandeellaaf Qophaawe Irratti Argaman.
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 15,2013) Guyya 14/07/2013 Magaalaa Johannesburg bakka JHB City Hall jedhamtutti Hogganoonni amantii adda addaa kan National Religious Leaders Council (N.R.L.C) Abbaa biyyattii fii Africa akkasuma goota Adunyaa tahuun kan beekkamuu fii amma dhukkubsatanii mana yaalaa ji’a tokko kan gahuuf ciisaa kan jiran Nelson Mandellaaf Akka dhukkuba isaan dhibaa jiru kana jalaa dafanii fayyanii Saba isaa fii Maatii isaa jiddutti Fayyadhaan arkaman kadhannaa godhaniif.
Kadhannaan Addaa Kun sa,aa 4:00pm-5:30pm kan fudhate yammuu tahu namoonni abbootii Amantii tahaniifii Hadha manaa Mandellaa durii Addee Winnie Mandella kadhannaa kana irraa qooda fudhachuun Dungoo Mandellaf qabsiisuun fayyaa shaffisaa hawwaniif.
Nuti Miseensoonni ABO sirna kadhannaa kana irratti argamuun Ummata Oromoo bakka buunee fayyaa gaarii fii shaffisaan Akka fayyuu Miseensota keeysaa namoota lama bakka buufachuun, akkuma barametti alaabaa teenya qabatuudhaan, sirnicha irratti argamneerra.  SOURCE (http://qeerroo.org/ )

No comments:

Post a Comment