Sunday, July 28, 2013

Miila Lama Qabaataniif, Muka Lama Hin Yaaban Dhidhiibbaan Halagaa, Lammata Cabuudha

Y.G(2005)
Mata dureen barruu kiyya har’aa lamadha. Tokko firaaf, tokko diinaaf. Waggoota dheeraaf mooraa qabsoo Oromoo keessatti waan mul’atu hundaaf, sababaan Hogganaa jedhamee ka’uun dhaga’a. Hogganoonni Qabsoo Oromoos komee kana of irraa kaasuuf, Hogganummaa irraa ka’uu akka danda’an dubbachuu isaanii dhaga’eera, argeeras.
Ani gama kootiin, Hogganoota qabsoo haa geeddaraman, ykn haa ka’an, ykn isaantu qabsoo duubatti harkise yennaa jennu, akka waloottis, dhunfaattis yennaa arrabsinu, salphisnu, Dulloomaniiruu haa ka’an yennaa jennu, Namoonni qeeqa kana kaasan, mooraa qabsoo Oromoo akka gaaritti hubatanii ykn xiinxalanii dubbataa jiru ? moo, namni waan jedhuuf afarsaa jiru ? moo, addunyaa irratti waan arginu irraa ka’anii, odoo lafaa waa hin qabaatiin ykn sochii tokkollee hin taasisiin lallabaa jiru ? moo, haaluma qabsoon Oromoo itti jiru akka gaaritti qalbeeffannee dubbachaa fi qeeqaa jirra moo, furmaata dhumaatu kanaa jennee dubbannamoo, halgaan isin hogganuu dandeessu jedhanii dantaa isaaniif waan gara garaan waan nu dammaqsaniif dubbannaa ? moo, dhuguma dhaloota haaraa isaan dhaalu qopheeffannee lafaa qabnamoo, namni dhuunfaa hogganoota waliin wal dhabee waan katabee ykn dubbateef waliin dhaabbanna moo, Hogganootuma qabsoo kana kaafnee akka haaraatti of dhaabnaadha moo, … maal jechuu akka barbaadamu naaf hin liqifamu.  

– Read the Full Article (pdf)   source ( http://gadaa.com/oduu/20982/2013/07/28/miila-lama-qabaataniif-muka-lama-hin-yaaban-dhidhiibbaan-halagaa-lammata-cabuudha/ )

No comments:

Post a Comment